WASHINGTON,DC —
Korii Baankii Addunyaa Bitootessa 12-13, 2014,Kigaalii,Riwaandaatti taa’e akka biyyoota Afrikaa Gammoojjii Sahaaraa gadi jiran rakkoo baasaniin irratti waan hedduu dubbate.
Afrikaan guddinna hunda qabuu argachuf injineerota miliyoona hedduu barbaaddi.
Misooma biyyoota Afrikaa gammoojjii Sahaaraa gadii guddisuuf sadarkaa olaanaatti barnoota saayinsiitii injineerota hedduu qabaachuun fala misoomaa jabaa taha.
Korii Afrikaa barnoota sadarkaa olaanaa saayinsii fi teknooloojii,oguma wa uumuu fi waan hedduun guddisuuf mari’ate kun Afrikaan guddinna misooma bara kumeetti milkhaauuf qabenna uumaan kenneef irratti nama barateef hedduu qabachu malte jedha.
Barnoota kana irra gahuuf barnoota jabanaa investerootilleen jaalatan qabaachuun ammoo faaydaa guddaa qaba.
Ufumaan beelaa-dheebuu,oolaa dhukkubaa fi wallaalaa keessaa ufi baafti.Warra kora kana dhufe keessaa tokkoo itti aanaa Perzdaantii Baankii Addunyaa damee Afrikaa,Makhtar Diop.
“Akka ganna dhufu jalqabee barnootii herregaa,saayinsii fi teknooloojii sadarkaa digriitiin sadarkaa olaanaa Afrikaatti baballatu feena.Akka horii kennamu keessallee gama kanaan qoodii guddaan argamu feena.”
Gama kaaniin ammoo akka gabaasii inistituutii IFPRI, International Food Policy Research jedhaniin bahe jedhutti jireenna ilmee namaa wayyeessuuf jalqaba namii nyaata nafa isaatii tahu argachuu qaba.
Akka gabaasa Tokkummaan Mootummootaatti addunyaa irraa nama miliyoona 840-tti guyyuma guyyaan nyaata nafa isaatii taatu dhaba, biliyooa lamatti ammoo woma argate nyaatee oola.
Taatullee biyyootii hedduun nyaata nafa isaaniiti tahu argachaa dhufuutti jiraatanillee biyyootii gammoojjii Sahaaraa gadiitii fi Eezhiyaa Gama Kibbaa rakkoo akkanaa keessuma jiran.
Birazil Chaaynaa,Taaylaadni,Vetnaami faan ammoo hiyyuma keessaa bahuutti jiran. Hujii qonnaa biyyootii tun wayyeeffatanitti rakko tanaa isaan baase.
Tanaan bahuuf ammoo akka Daarktera kanaatti mootummaa,dhaabbilee hawaasaa, fi investeroota fi qonnaan bultootii waliin hojjachu malan
Initituutiin tun akka namii biyya guddachuutti jiru amala amma itti deemuutti jiru waan mi’ooftuu,sooddii irra dabree fi cooma nyaachuu amala tolfatee deemu kana diqqeeffatee kuduraa fi fuduraallee ittti dabalatu gaafata.Soodaa fi waan mi’ooftuu coomillee irra dabre ufitti dabaluun dhiba akka akkaa keessa nama buusa.