Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hiriirri Kongiresa Federaalawa Oromoon Finfinneetti Waamame Guyyaan isaa Jijjiirame


“Magaalaaleen addaa Oromiyaa naannoo Finfinnee jiran karoora “Mater Plan” jedhamuun akka bulchiinsa Finfinnee jala galan yaalii godhamaa jiru hin simannu. Barattoota kana morman irratti tarkaanfilee humnaa fudhatame ni mormina jechuudhaan” jechuudhaan, Kongiresiin Federaalawa Oromoo Dilbata dhufu kana akka Finfinneetti hiriira geggeessu dubbachuun isaa ni yaadatama. Paartiilee mormitootaa ka biroo miseensota Gamtaa Medrek waliin hiriiricha ba’uuf ka karoorfataa ture – Kongoresiin Federalawa Oromoo, Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee akka iddoo hiriirichaaf gaafannee turre jijjiirru waan barreeffamaan nu beeksiseef –iddoo hiriirchaas, guyyaa inni itti geggeeffamuus jijjiirree itti deebisnee jirra jedha.

Barreessaan paartichaa, Obbo Beqqelee Nagaa akka jedhanitti, iddoon paartichi hiriiraaf gaafatee ture Dirree Masqalaa yokaan Dirree “Dil Addabaabay” jedhamu akka ta’uuf ture. Bulchiisni magaalaa Finfinnee garuu, “bakkawwan sun lameenuu naannawa mana-barnootaa fi hospitaalaa akkasumas lafa ijaarsi daandii baaburaa itti geggeessamu waan ta’eef iddoo biraatti jijjiiraa” nuun jedhe – jechuun Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf ibsan. Iddoo isaa Ginfillee irraa hanga bakka “Waradaa 8” jedhamutti jijjiiruu isaanii, guyyaa isaa Dilbata dhufu irraa gara torban isaatti jechuun – Caamsaa 18, bara 2014tti jijjiiruu isaanii dubbatu, Obbo Beqqeleen Hiriirri mormii Oromiyaa keessati geeggeeffamuu fi tarkaanfiin gama mootummaatiin fudhatamu amma illee ittuma fufee jira jedha Paartichi.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG