Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gabaasa Mirga Dhala Namaa Itiyoophiyaa fi Marii Tokkummaa Mootummotaa.


Waggaa afurii fi walakkaa keessatti yeroo tokko kan dhiyaatu gabaasnii qabiinsa mirga dhala namaa kan biyyoota miseensa Tokkummaa Mootummootaa torban darbe Ebla 6 bara 2014 dhiyaatee jira.

Kaawunsilii mirga dhala namaa kan Tokkummaa Mootummotaa duratti torban darbe biyyoota gabaasa ofii dhiyeeffatanii mariin irratti gaggeeffamee keessa Itiyoophiyaan tokko turte.Itiyoophiyaan waggaa afurii fi walakkaa duras gabaasa dhiyeessite mariin marsaa jalqabaa kan irratti gaggeeffamee ture ta’u kan ibse dargaggoo Hiikaa Dhugaasaa inni torban darbee kun marsaa lammataa akka ture ibsee jira.

Jila Itiyoophiyaa hogganuun kan argaman Obbo Biraanee Gabree Kristoos Itiyoophiyaan biyya kabajamuu mirga dhala namaan beekamtuu fi biyya sabaa fi sablamonni wal qixxummaan keessa jiraatan ta’u ibsuu isaanii walgahii kana irratti kan hirmaate Dargarroo Hiikaa Dhugaasaa beeksisee jira.

Biyyootiin gama dhiyaa gabaasa Itiyoophiyaa dhiyaate irratti yaada kennaniin dhittaan mirga namoomaa itiyoophiyaa keessa akka jiru dubbatanaii keessumaa labsii Itiyoophiyaan baafatte kan farra shorookeessummaa fi kan dhaabatoota dhunfaa ykn enjioo irratti mormii qaban jabeessanii ibsanii jiran.

Biyyoota Afrikaa keessaas dhittaan mirga dhala namaa Itiyoophiyaa keessa akka jiru kan ibsan akkuma jiran kanneen biroon immoo akka walii tumsaatti kan dhiyaatan akka jiran ibsamee jira..

Mormii baratonni Oromoo karaa nagaan dhiyeessaniif mootummaan Itiyoophiyaa deebii rasaasaa kennuun sirri akka hin taane kan ibsame ta’uus mootummaa bakka bu’uun kanneen dhiyaatan garu namoota seeraan ala ta’an irratti tarkaanfii fudhatamee jechuun falmuu isaanii Dargaggoo Hiikaan ibsee jira.Armeeniyaan garuu Oromiyaa keessa rakkoon akka jiruu fi walumaagaltti hookkarii gosoosta adda addaa irratti akka geggeeffamu beeksifte.
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:47 0:00
Xurree marsariitii
XS
SM
MD
LG