Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gareen Finciltoota Sudaan Kibbaa Marii Araaraa itti fufan


Mul’inatti banamee guyyaa lammataa isaa irratti marii araaraa Finfinnee keessatti geggeessamaa kan ture addaan kutanii kan ba’an finciltoonni Sudaan Kibbaa akka sababaatti kan dhiyeessan eenyummaa hirmaattotaa ture.

Mariin marsaa boodanaa qaama mara kan hirmaachise ta’uu isaa kan beeksise IGAD qaamotii dhimmi isaa isaan ilaallata jedhu mara affeeree jira.

Waldoolii uummataa, waaltaalee amantii, paartilee siyaasaa fi kanneen biroon kanneen affeeraman keessaa ti.

Mariin kallattiin ta’e geggeeffamuun kan irra jiraatu nuyiif mootummaa gidduutti ta’uu qaba kan jedhan finciltoonni garuu kanneen biroon qoodi isaan qabaatan gorsuu qofaa akka ta’e ibsuu dhaan marii torban tokko dura eegale guyyaa lammaffaa isaatti addaan kutanii ba’an.

Gabaasa Guutuu caqasaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:09 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG