Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waldaan Ogeessota Seeraa Oromoo Ka Sadarkaa addunyaa hundeeffame!


Ogeessonni seeraa lammiiwwan Oromoo naannoo addunyaa jiran walitti dhufuu dhaan dhaaba tokko uummatanii jiran. Maqan dhaaba isaanii waldaa Abukaatolee Oromo kan sadarkaa addunyaa jedhama.

Kaayyoon waldaan kun itti hundeeffamee fi godaantotaa fi koolu galtoota biyyootii adda addaa keessa jiran kanneen mirgi isaanii maal akka ta’e hin hubanne gargaaruu kanneen gorsa gama seeraa barbaadanis degeersa gama kanaan jiru kennuun gargaaruuf jecha.

Dhaabiin kun yeroo jalqabaaf kan hundaa’ee Hagayya 1 bara 20014 wal ga'ii geggeeffateen hundeeffama isaa labse. Eeyama seeraa argachuun sirnaan beekkannaa yeroo argatutti dhaabi kun waajjira isaa haadhoo Asuma Washington DC godachuu dhaan hojii isaa kan jalqabu ta’uu dur taa’aan waldaa kanaa obbo Baayisaa Waaqwayyaa nuuf ibsanii jiran.

Gaaffii fi deebii geggeeffame caqasaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:17 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG