Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hiriirri Guddaan Hong Kong Keessatti Geggeessamaa jiru Tarkaanfii akka isa waggaa 25 dura Waltajjii Taayinaamenitti Hiriirtota Irratti Fudhatamee Hordofsiisuu Malaa?


Kanneen kuma dhibba hedduutti lakkaawaman hiriirtonni “mirga dimookiraasii” falmina, jedhan walakkeessa Hong Kong dhuunfatanii oolan. Gama biraatiin immoo Chinaan waggaa 65ffaa Ripublikiin Uummataa Chaayinaa itti hundeeffame ayyaaneffataa oolte.

Waggoota digdamii-shanii duras hiriirrii fi mormii guddaan akkanaa magaalaa Beejing waltajjii Taayinaamen jedhamu irratti geggeessamee ture. Yeroo sanatti yeroo hojjetoonni fi namoonni ka biroon miliyoona hedduutti lakkaawaman barattoota hiriira bahaniiti makamanii, waltajii Taayinaamenitti mirga dimookiraasii gaafatan, kanneen haala isaa sodaatan hoogganonni mootummaa Chaayinaa tarkaanfii cimaa fudhatan. Loltoota itti bobbaasanii haleelsisan. Guutummaa biyyattii keessattis mormitoota marsanii qabatan. Hayyoonni biyyoota gama Dhihaa tarkaanfii mootummaan bar asana fudhateen namoonni dhibba hedduutti lakkaawaman ajjeesamuu dubbatan. Chaayinaan immoo Waltajjii Taayinaamentti namni ajjeesame hin jiru, jechuun haalte.

Hiriirri amma Hong Kong keessatti geggeessamaa jiru ka Taayinaamen irraa adda jedhu, ka Michigaan jiru, Yunivarsitii Keetering irraa Dr. Eziqeel Gabbisaa.

Gabaasa Guutuu caqasaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:11:03 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG