WASHINGTON DC —
Bara 1976 yeroo duraatiif biyyoota Afrikaa kan akka sudaanii fi biyya dur Zaayeer jedhamtu Ripaablikii Demokraatawaa kongoo ammaa keessatti mul’ate.
Hundeen dhukkuba Ibolaa simbra halkanii ta’uu kan ibsan Yunivarsitii Finfinnee Faakaltii wal’ansa fayyaa keessatti ogeessa addaa kan dhukkuba Daariqaa ykn infeekshin kan ta’aun Dr. Toleeraa Wadayas booda Jaldeessootatti darbuun achii boodas gara dhala namaatti ce’e jedhu.
Hospitaala Xiqur Anbasaa irraa Dr. Toleeraan akka jedhanti foon jaldeessa Ibolaan qabamee nyaachuu ykn Jaldeessa dhukkubasate harkaan xuquu irraas Ibolaan namatti darbbuu danda’aa.
Kanaaf jecha uummanni sirritti waa’ee dhukkuba Ibolaa akka hubatu gochuun dhukkubicha ittisuuf mala gaarii dha jedhan.