Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hiriirri Nagaa Finfinneetti Karoorfame Hin Danqame


Gamtaa paartilee mormituu kan Itiyoophiyaa salganiin waltajji Masqalaa irratti Muddee ja’a fi Torba bara 20014 gaggeeffamuuf kan ture walgahiin uummataa fi hiriirrii mormiidanqamuu isaa beekamee jira.Hogganoonni paartilee hedduu fi kanneen biroon polisotaan qabamuu isaanii fi sababaa reebichaa irra ga’een kanneen qqamnii isaanii miidhame akka jiran madden ibsanii jiru.

Kanneen hidhaman keessaa nyaata lagachuun mormii qaban dhageesisaa kan jiran akkasumas kanneen wal’ansaaf gara mana yaalaatti geessaman dawaa dhukkubbi itti dhagesisuu irraa salphisu malee wal’ans biraa kan hin arganne ta’uun ibsamee jira.

Dhimma kana kan ilaaleen waajiira dhimmootii Komunikeeshinii mootummaa Itiyoophiyaa keessatti minister de’etaa kan ta’an Obbo Iwnetuu Bilaattaa deebii kennaniin hogganoonni mormituu hiriira ba’uuf kan gaafatan ta’uus iddoon itti ba’uuf gaafatan waltajjiin Masqalaa garu hojiin ijaarsa daandii baaburaa fi misoomnii ka biraan irratti gaggeeffamaa waan jiruuf hin ehamamneef jedhan.Mormitoonni garu achuumatti ta’u qaba jedhan jedhu.

Gama kaaniin Itiyoophiyaa keessa kan jiru Embaasiin Amerikaa lammiwwan isaaf beeksiisa baaseen baatii caamsaa dhufu filannoo Itiyoophiyaa keessatti gaggeeffamu dursee guutummaa biyyatti keessatti mormii siyaasaa gaggeeffamuu mala jedha.Hiriira kana irratti jeeqama mudachuu maluu maqaa dhahuun naannoo haalli nageenya isaanii yaaddeessaa dha ittiin jedhe fi of-eeggannaan akka barbaachisu hubachisee jira.

please wait

No media source currently available

0:00 0:04:52 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG