Xurree ittiin seenan

Breaking News

Murtiin Kenname Ilaalcha Uummataa Daran Addaan Fageessee kutaa 2ffaa


Yunaaytiid steetes kutaa Muzirii magaalaa Fargusan keessatti dargaggeessa gurraachi polisii aadiin ajjefamuu isaan kan ka’e dhimmi seeraan ilaalamaa ture dhuma irratti polisiin sun himannaan irratti dhiyaachuuf raga qubsaan hin jiru jedhamee murtaa’uun biyyatti iddoo adda ddaa keessatti hokkara hamaa akka ka’u gochuun isaa ni yaadatama.

Dhiyeenaya kan immoo magaalaa Neew Yoork keessatti lammiin Amerikaa hidda dhalata Afrikaa qabu ka biraan polisoota Adii marsanii isa qabuuf yaalii godhaniin “afuura baafachuun dadhabe” jedhee ituu wawwaatu isaan harkatti du’uun ni yaadatama.Dhimmi kun ilaalamaa eega ture booda murtii wal fakkaataa akkuuma Fargusan keessatti kenname fakkaatuun kanneen lubbuu galaafatan walaba gadifamuu daran biyyattiin hiriira adda addaan akka guutamtu taasise.

Yunaaytiid Steetes Kliivlaand Ohaayoo keessattis gurbaan umriin kudha lamaa waan qawwee harkaa fakkaatu garu isa dhugaa kan hin taane qabatee kan argan polisoonni meeshaa dhugaati se’anii ajjesaniin. Haala walii gala kana kan ilaaleen ogeessa seeraa fi haayyuu waa’ee mirga dhala namaa kan ta’an Obbo Haabtaamuu Biraanuu Aweetu walin gaaffii fi deebii gaggeeffame armaa gadiitti caqasaa.

please wait

No media source currently available

0:00 0:10:56 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG