Xurree ittiin seenan

Breaking News

Filannoon Geggeefamu Walabaa fi Kan Haqaa ta’uu Qaba !


Muddee 14 Bara 2014 paartileen Gamtaa MEDREEK Finfinnee keessatti hiriira uummataa gaggeesseen Filannoon Baatii Caamsaa dhufu Itiyoophiyaa keessatti gaggeeffamuuf jiru kan haqaa fi walaba akka ta’uuf gaafatee jira. Namoonni siyaasaa hidhaa keessa jiran kan mormituu, kan hooggana koree dhimma Islaamaa furmaata barbaaduu akkasumas Gazexxeesssonni adda addaa akka hikamaniif hiriira kana irratti gaafatamee jira.

Rakkoo jira jedhan irrattis mootummaa Itiyoophiyaa wajjiin marii gaggeessuuf kan fedhan ta’uun ibsamee jira. Rakkoo mormiitoonni jira jedhan irratti hojjachuuf qophii ta’Uu isaa kan ibse Bordiin filannoo biyooleessaa rakkoo uumame furuunis hojii keenya jedha. Mormiitoonni garuu Bordiin Filannoo walaba miti miseensoota paartii biyya bulchaa jiruun kan guutame waan ta’eef kan dubbachuu qabnu mootummaa wajjiin qofa jedhu.

please wait

No media source currently available

0:00 0:09:12 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG