Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ijoolleen Afrikaa Kilaboota Alaatii Taphatan, Haga 20 Dorgommii Waancaa Afrikaatti Biyya Ufii Qarqaaranii Taphachuuf Dhufuutti Jiran


Ayvoorii Koosti,2014(file).Miilotii Yaayyaa Turee faan barana waan milkhaan fakkaatuu?
Ayvoorii Koosti,2014(file).Miilotii Yaayyaa Turee faan barana waan milkhaan fakkaatuu?

Kaan caphaa himataa,kaan meeluun falataa, kaan ammo jilbatti miliqee,kaan foon sarbaatti oli rifatee,kaan hin filatamneef hafe.Ijoolleen Afrikaa ta kialbootii biyya alaa bitatani taphachiifachutti jiran.

Jara kana keessaa hedduutti Waancaa Afrikaa irratti biyya ufii qarqaaruuf Iquwatooriyaal Giinii dhufuutti jira.

Warrii hafe rakkoo gara garaatiif hafee ka dhufe sunuma keessa dorgommii tana irratti biyya ufii qarqaaruuf dhufa.

Warrii dhufuun mirkanaa ammoo walti falchuutti jira.Warra nuun ‘nuun wallaanaa’ jedhaniin keessaa alaa eegan keessaa; Yaayyaa ya Turee,Papissi Cisse fi Wilfried Bonyii fa.

Ilmaan Turee;Yaayyaa Turee fi Kooloo Turee taphuma kanaaf dorgommii kilabiin isaanii, Manchester Sitii fi Liiver Puul ji’a dhufu keessa Chelsiin waliin taphatti irraa hafuu dandaha.

Walumattuu ijoolleen Afrikaa,kilabootii addunyaa dorgommii bitatanii taphachiifachuutti jiran haga 20 tahanitti Waancaa Afrikaa ka Amajjii jalqabanitti dhufuuf karaa jira.

Kilaboota English Premier qofaa mitii dorgommiin Waancaa Eezhiyaa ta Ammajii 9-31 taphatanilleen taphatootiiAfrikaa hedduun ji’a tokkofo waan bira hin jirreef miidhamuu dandahan.

Kilaboota akka malee miidhamuu dandahan keessaa New Castle,West Hamii fi Lehister faa.Chelsii,Manchester Yunaaytid, Burnley, Arsenaal,Sunderland fi QPR ammoo nama heddu waan lafaa qabaniif hinuma falatan..

Fkn; Chris Herd,Awustiraaliyaa fulaa bu’ee dorgommii Waancaa Eezhiyaatiif deema. Tanaafuu kilabiin Aston Viillaa kialboota dhibi waliin qabdu keessa hin jiraatu.

Mile Jedinak innilleen,Awustiraaliyaa taphachuuf jedhee tapha Chrystal City kilaboota akka Tottenhamii fi Burnley waliin taphattu biraa deeman.

Mohamed Dihame,biyya isaa Senegaal fulaa bu’ee Waancaa Afrikaatiif taphachuuf kilabii Hull biraa deema.

Taphattootii Leicester City Rivaad Mahrezii fi Jeffrey Schlupp tapha Waancaa Afrikaa irratti Aljeeriyaa qarqaauuf qophii jiran.

Dorgommii Waancaa Afrikaa bara 2013 Naayjeeriyaa,ta bara 2012 ammoo Zaambiyaa fi ta bara 2011 ammoo Masriitti moo'e.Ta bara 2015?

Ijoolleen Afrikaa biyya alaa jiran bara 2015 irratti taphaan biyya isaanii qarqaaruuf karaa jiran.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG