President Hollanden waajjira gaazexaa Sharlie Ebdo jedhamu keessatti dhukaasi erga geggeessamee yeroo xiqoo booda bakka haleellaan sun itti raawwatame dhaqanii jiran.
Kanneen haleellaa sana raawwatan adamsainii fuula murtiitti dhiyeessuun itti fufee jira. Ferensaay rifaatuu keessa jirti jechuu dhaan dhukaasi sun haleellaa shororkeessotaa ti jedhan.
Poolisii fi kanneen ijaan argan akka jedhanitti namoota haguuggii kaayyatantu waajjira gaazexaa Sanaa har’a ganama weeraruu dhaan utuu hin miliqin dura dhukaasa banan. Kanneen du’an keessaa poolisoonni lama jiraachuunis gabaasamee jira.
Gaazxeessaa dhaabbata sabaa himaa naannoo sana turee tokko radio Ferensaayf ennaa ibsu, qawwee Klashinkovtiin dhukaasa hedduutu dhukaasame. San booda namoota fuula isaaniitti haguuggatan lama biilsa sana keessaa utuu ba’anii arguu isaa dubbatan. San booda sagalee iyyaa fi dhukaasi daandii irratti dhuka’uu isaan dhaga’e, yeroo xiqqoo boodas police fi hojjettoonni yeroo hatattamaa naannoo sana ga’an jedhe.
Dubartiin hollaa sana ture tokko akka jedhanitti nama tokko tu waajjirri Charlie Hebdo eessa jechuun Afaan Ferensaay sirrii hin taaneen na gaafate. Yeroo xiqqoo boodas dhukaasatu dhaga’ame. Gabaasaaleen akka jedhanitti kanneen haleellaa sana raawwatan qoosaa Nabi Mohammed irratti qoosame ijaa ba’uuf jechuu isaanii illee ibsaniiru.
Waajjirri Sharlie Ebdo bara 2011 kaartuunii nabee musliimotaa irratti qoose maxxanse jedhamuun haleelamee ture.
Musliimonnis maxxansaa sana booda gaazexaa sana balaaleffatanii jiran. Haleellaan har’aa immoo kitaaba frensaay falmsiisaa ta’e kan waa’ee muliimotaa ilaalchisee barreeffame guyyaa inni itti eebbifamu waliin wali irra oole. Charlie Hebdo kitaaba san qola isaa irratti “Submission” jechuun maxxanse.