Xurree ittiin seenan

Breaking News

Maartiin Luuter King utuu lubbuun jiraatanii nagaan haa qabsoofna jedhu


Dr. Martin Luther King
Dr. Martin Luther King

Baatiin amajjii torban sadaffaan as US keessatti ayyaana waggaa Federaalaa kan dhalooti qabsaa’aa mirga namaa kan Martin Luther King itti yaadatamu.

Har’a guyyaa kanatu Ameerikaa keessatti yaadatamee oola. Waggaa kana ayyaanni kun erga gurrachonni lama poolisiin ajjeefamanii as hiika addaa qabaaf.

Dhiyeenya kutaa Muzuurii Furgison fi imagaalaa New York keessatti gurraachonni hidhannoo hin qabaanne lama rasaasa poolisiin ajjeefamanii jiran. Uummatis kana irraan kan ka’e mormii hookkaraan guutame kaasuun isaa ni yaadatama.

Maartiin Luuter Kiing mormii hookkaraan alaa geggeessuu dhaan mirga ofiif falmachuun akka danda’amu Bara 1963 keessa hiriira mormii geggeessame irratti qabsoo karaa nagaa geggeessame ennaa hooggananitti dubbatanii jiran.

Matin Luther King har’a utuu jiraatan ta’ee du’ua Michael Brown kan Ferguson Missouri keeessaa fi kan meeshaa warnaanaa harka utuu hin jiraatiin NY Keessatti Poolisiin ajjeefame Eric Garner kanaanis mormii uummataa guddaa kaasise Sanaa utuu arganii uummataan hookkara hin kaasina, garaa nagaan qabsaa’uu dandeenya jedhu turan jedhu as Amerikaa kutaa Michiganitti kan argamu Universitii Katriin irraa hayyuu seenaa kan ta’an Doktor Iziqi’eel Gabbisaa.

please wait

No media source currently available

0:00 0:07:28 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG