Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tapha 20 guyyaa 11 taphatan goolii 37 gale,ka moo’ame galuuf xaxachuutti jira,Waancaa Afrikaa 2015 miyaawaa deemumatti jira


Taphataa Aljeeriyaa,Islam Slimani goolii glachee akkana gamamchuun qiliixama.Ammajii 19,2015
Taphataa Aljeeriyaa,Islam Slimani goolii glachee akkana gamamchuun qiliixama.Ammajii 19,2015

​Dorgommii Waancaa Afrikaa biyyitii 16 jalqabde laakkuma dhumachaa deemuun miyaawaa deema.

Abbaan moo’ee biyya 8n walti hafan tahuuf itti jiranii ka moo’e tapha itti aanuuf,kaan ammo keessa galuuf xaxchuutti jira.Taphilleen magaalaa didiqqo irraa gara magaalaa gugurdootti geessuutti jiran.

Tuniziyaa,Equwaatoriyaal Giinii,DRC,Koongoon faan warra tapha itti aanuutti dabruun mirkana taheef

Tuniziyaa fi DR Congo 1-1 bahanii tapha itti aanuu dabran.Koongoon Burkiinaa Faasoo 2-1 mootee dabarte. Equwaatooriyaal Giinii Gaaboon 2-0 mootee dabarte.Koongoon garee isii keessaa qabxii 7n dura jirti.

Tuniziyaan bara 2004 Waancaa Afrikaa moote.DRC bara 1968 fi bara 1974 keessa Waancaa Afrikaa moote.

Biyya Waancaa Afrikaa ka baranaa irrattti akka male milkoofte Equwaatooriyaal Giinii. Dorgommii tana biyya qopheessitu itti dhabani jennaan qopheessite, leenjsiaan isaanii taphattoota tana guyyaa 20 keessatti walti qabatee argatee guyyaa 11 leenjise.

Leenjsiaan kilabii Equwaatooriyaal Giinii Esteban Becker gammachuun xinniquutti jira.FIFAn Equwaatooriyaal Giinii sadarkaa 118 irra kaahullee dorgommii tanaan duubatti oli ceeti.

Zaambiyaan waanca Afrikaa bara 2012 mootee amma garee isii keessa eegee jirtu Cape Verde moo’uu dahbdee xaxattee keessaa galte.

Teenisii

Dorgommii Teenisii addunyaa,Australia Open 2015
Dorgommii Teenisii addunyaa,Australia Open 2015

​Taphattootii Teensii addunyaa bebeekamoon dhiiraa fi dubralleen dorgommii Australia Open jedhan Milboornitti taphachuutti jiran irratti wal dorgomuutti jiran.

Abba tapha kana moo’ee doolara miliyoona 34 caaltu badhaasan.Warra Amerikaa tapachuuf filatame ijoollee obboleeyyanii Serena Williyaamsii fi obboleettii isii Venesse Williyaamisii fa.

Dorogmmiin Teenisii akkuma biyya keessatti qopheessaniitiin; Australian Open, French Open, Wimbledon,US Open, Grand Slam, Davis Cup jedhanii yaamani achii ammoo tapha guddaa Olompikii gahan.

Liiban Didaa

Liiban Duubaa Keenyaa filamee kilabii dargaggoota QPR London jirtuu tapahcuuf deema
Liiban Duubaa Keenyaa filamee kilabii dargaggoota QPR London jirtuu tapahcuuf deema

Liiban Duubaa, gurbaan Booranaa kilabii English Premier League keessaa kilabii dargaggoota QPR tapachiisuuf Keenyaa filame torbaaniin duubatti kilabii filameef deemee taphata.

Liiban kilabii Keenyaa, Barkaa jedhanii taphachaa guddatee sadarakaa biyya alaatii taphachuu gahe.Egerii lakkoofsa 11 keeyyadhee akka Ronaaldoo Barceloonaa tapachuu fedha jedha.

Warrii Liiban taphaan jaalatu Alexis Sánchez ka dhalootaan Chiilee amma kilabii Arsenaalii taphatuu yaaman.

Liiban namii amma ganna 15 kun eegii goolii isaa galmeessuuf jalqabanii ganna 7-8 keessatti kilabii mana barumsaa isaati jalqabee haga kialbi godinaatii tapachu jalqabee goolii 200 caalaa galchee jedha.

Liiban Gurranadhalaa keessa Kilabii Queens Parker Rangers (QPR) tapachuuf Englanditti gala. Liiban nama si caqasu maana gorsita jennaan,jabaadhaa taphadhaa fulaa hedduu geettan jedha.

Haatii Liiban,ammo garuma jirrutti wal jabeessaa, wal jaaladhaa jetti.

please wait

No media source currently available

0:00 0:08:41 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG