Ammajii 17 jalqaban Gurrandhalaa Saddeeti fixan.Torbaan sadeen kana keessatti marroo 30 tapahanii gooli 68 gale,biyya 16 jalqabee lamatti waancaa walti hafee;Gaanaa fi Ayvorii Koosti
Jarii walti hafe taphattoota Afrikaa doolara miliyoona hedduutiin bitatanii Kilaabooti Awurooppaatii taphatan yaammatee barii Sanbataa qofa eegachuutti jira.
Ayvoorii Koosti maqaa kilabii isaanii ARBA jedhanii baafatanii,Gaanaan ammoo URJII GUGURRAALEE ufiin jedhan.
Urjii fi Arbatti waliin taphaaa qophiitti jira.Gaanaan marro afur waancaa Afrikaa moote; 1963, 1965, 1978, fi 1982.Ayvori Koosti bara 1992 duratti marro tokko Waancaa Afikaa moote. Marroo sadii Waancaa Addunyaatii dabarte bara 2006,2010 fi 2014.
Ijoollee isii hedduutti kilaboota Awurooppaa keessa taphataaf; Didier Drogba, Yaya Touré, Wilfried Bony, Seydou Doumbia, Gervinho, Salomon Kalou f Kolo Touré.
Ayvoori Koosti ammoo walumattu taphattoota haga 60 tahan biyya alaatii qaban; Didier Zokora,Kolo Touré,Yaya Touré,Doumbia Seydou,Arthur Boka, Youssouf Kamara,Emmanuel Koné fa.Hagii guddaan kilabi ASEC Mimosas, Abiijaa jirtu keessaa filataman.
Ayvori Kosti DRC 3-1 dhukkee irraa kaafte Gaanaan walti marte,Gaanaan ammoo Ekuwaatooriyaal Giiniitti goolii sadii galchite gangalchitee dorgommii keessaa baafte.
Sadarkaa FIFA-tti Ayvori Koost 28essoo irra jirtii, Gaanaan ammoo 37essoo.
Gaanaan waancaa Afirkaa ka baranaa irratti biyya afur mootee tokkotti isii moo’e. Tapha Waancaa Kubbaa Miilaa Afrikaa irratti goolii 10 galfatte.
Ayvori Koosti ammoo tapha kana irratti biyya sadii mootee biyya lamaan wal qixxee baatee walumattuu gooli sagal galafatte.
Ayvori Koosti ilmaan turee lamaan ,koloo fi Yaayya, Gervino,Cheick Tiote fi Wilfried Bony fa fudahttee Gaanaa waliin taphatti.
Gaanana, Andre Ayewu Christian Atsu,Kwesi Appiah faan dhufatte.Ayvoorii Koosti keessaa Gerviinoon isan hin dabrin. Gurraacha mataa cifireeti.Lkakoofsa keeyyatee 10 tapahtaa yoo kubbaa itti kennan inninu uwaan tolcha hin beeka.
Gaanaa keessaa ammo Asamoah Gyan isan hin dabrin.Gurraacha maataa qooxo haadata. Lakkofsa sadii keeyyatee taphata.
Woma taateefuu Urjii guguraallee fi Arbii iftaan dirree Ekuwaatooriyaal Giiniitti adoo addunyaan argitee dahgeettuu waan wal tolchu wal tolcha.
Gama kaaniin ammoo CAF,Kofidireeshiiniin Waancaa Afrikaa Morookoo Waancaa Afrikaa qopheessuu didde dorgommii waancaa Afrikaa lama irraa dhaabe.
Balleessaa tanaaf ammoo doolara miliyoona tokkoo fi waan isiin dorgommii qopheessuu diddeef hammaateef ammoo Euro.miliyoona 8 itti mure.
Morookoon Eboolaaf jettee dorgommii Waancaa Afrikaa ta baranaa qopheessuu diddee tahuu baannaan ammoo akka guyyaan jijjiiramu gaafatte.
CAF tana maleellee deeggartootii Kubbaa miilaa kilabii Ekuwaatooriyaal Giinii seera taphaa cabsanii istaadiyoomi jeeqan jedhee $100,000 adabe.
Federeshiiniin kun perzdaantii Kubbaa Miilaa Waldaa Tuniziyaa, Wad’ie Jary Federeshiinii Kubbaa Miilaa Afrikaa beekuam beekaa dhara hojjate jedhee waan maqaa balleessee hujii innii maqaa kanaan hojjatu cufaa irraa dhaaban.
Perzedaantiin kun kilabiin isaanii moo’mnaan tana jedhe.
Waancaa Afrikaa bara 2015 Gaanaa fi Ayvoori Koostitti Gurrandhalaa,8,2015 waanaaf tapahtee fixa.
Namii hagii tokko Gaanaa 3-1 moo’a jedha,hagii tokko ammoo Ayvori Kostitti 2-0 moo’aa jedhaa isan hoo maan jettan?