Xurree ittiin seenan

Breaking News

Chelsiin Waancaa League One 2015 mootee maanajerii isii,Jose Moreenoo gammadee istaadiyoomi keessa gangalate


Manaajera Chelsii ,Morniinootti dorgommiIi League One moo'ee gammadee gangalata
Manaajera Chelsii ,Morniinootti dorgommiIi League One moo'ee gammadee gangalata

Wal dorgommiin waancaa ‘League One Cup’ UK fi Weelsitti beekamtuu Bitootessa 1,2015 Londonitti dhumattee Chelsiitti Tottenham 2-0 moo’ee waancaa fudhate.

Maanajerii Chelsiin Joe Mariniinoon gammchuu jaabeenna istaadiyoomii keessa gangalatee jartii isaatii bibile.

​Goolii qaraa Joon Teeriitti taphii boqonnaa duraa dhumachuuf daqiqiaan 45 hafee jennaan galchee lammeessoo ammoo taphatuma Totten Ham,Kiyle Walkeritti itti ufitti galche.

Manaajerii Chelsii,Moriinoon taphattoota isaa galateeffatee “hardha moonee bori ammoo dorgommiitti deebinaa gammachuullee haguma qadi,”jedhe.

Totten Haamiin amma Chelsiin moote tun ji’a lamaan duratti dorgomii EPL irratti Cheslii 5-3 moote.

Morniinoon duruu yoo kilabiin isaa mootu bilbila jaarti isaa, Matilde Faria bililee ya goolii galchine jedhee itti himaa gangalata.

Bara 2014 yoo Chelsiin Arsenaal 6-0 mootelleen namii gammachuu istaadiyoomiitti baafatte inni gammachuu sun jaartii isaatti himuuf bilbilatti fiigee gaamchuun gangalata.

Maaliin dorgommii kubbaa miilaa ijoollee Afrikaa gannii 17 gadii, U-17 moote

Wal dorgommiin kubbaa miilaa ijoollee,U-17 ijoolleen ganna 17 gadi tapahtan Bitootessa 1,2015 dhumattee Maalitti Afrikaa Kibbaa 2-0 moo’ee mootummaan galate,waancaa fudahte.

Goolii qara Siyaka Bagayokootti boqonnaan duratti galchee ta lammeessoo ammoo fi Aly Malle itti dabale.Maaliin dorgommii akkanaa asiin duratti moote ehin beeetu.

Dorgommii U-17 tana Gurrandhalaa 15 jalqabanii biyyitii saddeetitti torbaan lamaaf tapachaa bahe.

Maaliitti tokkeessoo,Afrikaa Kibbaatti itti aanee lammeessoo tahe,sadeessoon Giinii, Naayjeeriyaan afressoo.Jari afranuu dorgommii kilaboota FIFAtit dabre.

Biyyootii Afrikaa gama Kibbaa dorgommii COSAFA-tiif qophii jiran

COSAFA, Council of Southern Africa Football Associations Dorgommii Waldaan Kubbaa Miilaa Afrikaa Kibbaa qopheessu.

Dorgommi tana biyya Afrikaa gama Kibbaa jiranitti waliin tapahta.Tapha kana ji’a lamaan duubatti jalqabuuf deeman.Caamsaa 17-30,2015 taphatan.

Angoolaan horii dhabdee tapha kana keessaa hafte.Dorgommiin tun 15essoo Afrikaa Kibbaa magaalaa Johanesburgi keessatti taphatan.

Angoolaan dorgommii akkAnaa tana ganna sadii moote.Bara 1999,2001, fi 2004.Taatullee akka diqqaattullee dorgommii haga tokkollee taatu keessa jriaattu falachuutti jirti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG