Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tanaan Shaneeffachoo!Chesliin Baranallee, 2014/2015 Shaampiyoonaa EPL Taate


Chelsii shaampiyoonaa 2014/2015
Chelsii shaampiyoonaa 2014/2015

Chesliin akka diqqaatti asi hin geenne;Swan City 5-0,Everton 6-3,Tottenhma Hotspur 5-3 moote waluma irra buufattee qabxii hedduun gahette ka silaa ammaele taphii sadii ala jiruuf moote.

Goolii takkittii Eden Hazard Crystal Palace iratti galchetti akka Chelsiin Shampiyoonaa taatu tolche.

Eegii Joosee Moriinoo maanaajera Chelsii tahee asitti kilabiinm tun marroo afur Shaampiyoonaa taatee walumattuu haga dhiyootti marroo shan EPL moote.

Hazaardiin Chelsii moohachiise walumattuu tapha baranaatti goolii 19 galche.Diyaago Koostaa fi Joon Teerii faalleen warra gooli hedduu galcheef keessaa tokko.

Chelsii,the Blues
Chelsii,the Blues

Chesliin kilaboota EPL duddureeyyii keessaa ta duraatii kilabi tana nama Raashiya Roman Abrahomivichit bitate.

Manaajerii Chelsii Jose Moriino eegii ganna 11 duratti kilabii tana itti kennanii asitti kilabii tana durumatttin deemuutt jira.Chesliin ganna shani asitti kalee EPL moote.Torbaan sadiin duubatti ummata waliin taatee gammachu tana ulfeeffatti.

Gama kaaniin dorgommiin Laa Liigaa dhumachuuf torbaanuma sadeen tokkotti hafee Barselonan shaampiyoonaa La Liigaa tahuuf ariifattu Cordoba 8-0 Ufi duraa gorsitee dabarte.

Baarsaan haga daqiiqaa 40 duraa haga irraa eegan taphachu baattullee goolii qaraa Ivan Rikitik galchee jennaan namuu akka galii kinniisaa gooli Kordobaatti baafate baafate.

Luyis Suharez sadii galfate, Meesiin lama itti dabale,Gerardii fi Neymaar faan tokko-tokko irra buusanii ta Ritkin waliin saddeeti taateef.

Akkanuma Barsaan kilabii Cordoba ta ufiifuu La Liigaa keessaa bahuuf tirachaa deemuutti jirtu goolii 8 itti galchite gadi dhidhimsite.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG