Xurree ittiin seenan

Breaking News

Filannoo Itiyoophiyaa “Filannoo dha” Jechuu Hin danda’u


Filannoon Itiyoophiyaa Caamsaa 24, bara 2015 geggeessame “filannoo dha” jedhee kan dubbachiisu argachuu hin dandeenye, ka jedhan, as Yunaaayitid Steets, kutaa Michigaan ka jiru – Yuniversitii Keeiriing keessatti Proofesara ka ta’an – xiinxalaa siyaasaa Dr. Iziqeel Gabbisaa ti.

Dhimmoota hayyuu seenaa fi dhimmoota siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaa biyyoota Gaanfa Afrikaa irratti ka qorannoolee hedduu geggeessan – Dr. Izqeel, mootumaan Itiyoophiyaa akka waan filannoo dimookiraatawaa biyya isaa keessatti geggeessaa jiruutti duulawan “na filadhaa” mormitootaaf haga tokko balbala saaqe malee, akka aangoo siyaasaa eenyuuf iyyuu dabarsee kennuu hin barbaadne, duruma bara bulchiisa Muummicha-ministaraa Melles Zeenaawii irraa jalqabee ifa taasisee jira.

“Hojii misoomaa waan biyyattii keessatti geggeessaa jirruuf, biyyattii gara biyya galii giddu-galeessaa qabduutti ceesisuuf jecha waggoota kurnan yokaan kudha-shanan fuul-dura keenyaaf aangoo siyaasaa dabarsinee kennuu hin dandeenyu” jedhaa turan – jedhu.

Akka Dr. Izqeel jedhanitti, mormitoonni filannoo sanatti hirmaachuu isaaniitiin sagaleen uummatni isaaniif kenne sirnaan lakkaawamee taayitaa qabachuu dadhaban iyyuu, duula “na filadhaa” irratti uummatni bakkawwan hedduutti deggersa isaaniif dacha’ee ba’e akka gama isaanii jiruu fi akka mootummaa kana jijjiiruu fedhu ifatti agarsiisee jira. Walumaa-galatti, uummatni Paartii amma taayitaa mootummaa harkaa qabu akka hin feene ifatti mul’isee jira.

XS
SM
MD
LG