OSFNA, (Oromo soccer tournament of North America,) maqaa waldorgommii Ispoorti Federeshinii Hawaasa Oromoo Amerika Kaabaati.
Dorogmmii tana bara 1996 kialbii jahaan Kanadaatti jalqabanii amma guddattee 22 taate.Dorgommii kubbaa miilaa OSFNA bara 2015 kialbii MN Oromo United (OU) Kilabii Minisootaa, 11 Stars moo’ee waancaa fudhate.
Taphi daqiiqaa 120 dhumatee jennaan dhiittaa adabbii(Penalty) kennaniifii Oromoo United 3-2 moote.
OU-n tana waliin marroo lama wal faana waancaa fudhatte. Gareen Awustiraaliyaa sadeessoon afreessoon ammoo kialbi Madda-Walaabuuti.
Dorgommii OSFNA 2015 Awstiraliya fi Kanaadaa waliin kilabii 22 dhufe Hagayya-1-Hagayya 8, 2015, istaadiyoomii James Griffin keessatti tapahte.
MN Hagayya 1-8,2015 torbaan Oromoo(Oromo Week) jedhanii qophii bashannanaa,ispoortii,marii fi qophii aadaa hedduu achitti tolchan.
Dorgommii ispoortii keessaa fiigcha maqaa atileetiksi Abbebee Biqilaatiin qopheessan,wal dorgommii kubbaa miilaa dubraa faatti jira.
OSFNA,dhaabi ispoortii Oromoo Amerikaa Kaabaa bara 1996 hujii jalqabee barana Huseen Ejeroo waggaa lmaaaf perezidantii filate.