Xurree ittiin seenan

Breaking News

Harargee Dhiyaa fi Hongee Ishee Mudate


Bulchiinsa naannoo Oromiyaa Godina Harargee Lixaa keessatti sababaa roobni ga’an dhabameef jecha uummanni gargaarsa kan fedhuu fi da’imman sababaa beelaan miidhaman gara Hospitaala Galamsootti ergamaa , kaan immoo Wirtulee fayyaa kan aanaa keessatti wal’anamaa kan jiran ta’uu jiraatonni ibsanii jiru. Sababa Hongee kanaan loon hedduun dhumuun isaanii ibsameera.

Keessumaa Aanaa Habroo keessatti da’imman hanqiina nyaataan midhamuu isaanii irraa kan ka’e gara Hospitaalaa Galamsootti ergamaa akka jiran ibsanii jiru. Hospitaalli Galamsoo garuu lakkoofsi da’imman kanaa guddaa miti jedha.

Abbootiin Daldalaa kan Aanaa Habroo Boqqolloo Kuntaala 200 bitanii uummataaf raabsaa kan jiran ta’uu jiraatonni ibsanii jiru. Mootummaan garuu gargaarsa tokko illee akka hin laatin jiru kan ibsan jiraatonni bulchiinsi aanaa abbootii qabeenyaa walitti qabuun walgahii eega gageessee booda abbootiin qabeenya dhunfaa kun birmatan jedhu.

please wait

No media source currently available

0:00 0:14:19 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG