Xurree ittiin seenan

Breaking News

Amerikaatti Bulchiinsii Magaalaa Miniyaapoolis Oromo Street jedhee Karaa Moggaase Eebbisiise


Oromoo Street
Oromoo Street
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:21 0:00
Xurree marsariitii

Miseensii mana maree magaalaa MN aanaa jaha keessaa filamee fi ka akka Oromoon magaalaa Miniyaapoolsi keessatti maqaa ufiintiin karaa argattu yaada dhiyeesse,kun jalqabaa waan hedduu waliin hojjachuu dandeennaa jedha.

Bulchootii Hawaasa Oromoo MN ammoo tokko taanee waan hedduu waliin hojjachu malle hedduutti jiraa jedhan.

Woma taateefuu karaa maqaa Oromootiin MN keessatti moggaafame Minniyapolis keessaa naannoo Cedar-Riverside jedhan.

Karaan 4th St. ka Cedar Avenue fi 15th Avenue South jedha amma Oromoo Street jedhama.Dubbiin MN keessatti maqaa Oromootiin karaa moggaasuuf murteessan tun qaraa akka yaadaatti dhiyaatte eegee koree bulchiinsa magaalaa irra maraa dhuftee Ammajii 12,2015 yaada ummataalle irratti caqasan.

Yaada kanaan duubatti ammoo Koomishiini Karoora magalaa Miniyapoolis yaada kana fudhtee akka Oromoo MN keessatti maqaa ufiitiin karaa aragattu murteesse.

Oromoo Street
Oromoo Street

​Karaan Oromo street jedhan kun 4th Street South Cedar Avenue fi 15th Avenue South jedhan jiddu jiru kun MN wadhakkaa jira karaa gugurdaatti itti wal qaxxaamuraa Ebla keessa eebbisiiuuf qophii jiran.

​Namii akka Oromootiin maqaa moggaasan yaada dhiyeesse, Miseensa Mana Marii bulchiinsa magaalaa Miniyapoolis,Abdii Warsameeti.

Qooda Oromoon magaalaa tana keessaa qabduuf galateeffachaa, biyya itti horanii ijoollee itti guddifatan keessaa akka qoodallee qabaatan tolchuuf jedha.

“Ani ummataa Afrikaa hedduu bakka bu’ee hojjadha.MN keessa ummata Afrikaa hedduutti jira.Ummata Afrikaa ani bakka bu’u gugurdaa keessaa tokko Oromoo.

Ummati kun aanaa anii jiraadhu, naannoo Brooklyn fi MN gama gamaan keessa jiraata.Aadodo jaarrolee Oromoo,ijoolle kahimaa fi nama akka akkaatiin wal mari’adhu fedhii isaanii arge.”

Miseensii Mana Marii Warsameen yaada kana koree isaaniitiin gahee fudhatama argateef.

“Eennummaa isaanii[Oromoo] afaan isaanii qooda isaan magaalaa tana keessaa qaban agarsiisaa,qooda isaaniillee magaalaa tana keesstti guddisuuf maqaa isaanitiin moggaafne.”

Tana caalaatti ammoo akka miseensa mana marii MN Abdii Wasameetti namii alaa MN dhufulleen qoodii Oromoon magaalaa tana keessaa qabduu beekaaf.

“Akka Oromoon caalaa mullattuuf,caalaa qooda qabaattuuf.Tun anaaf waan guddaa,saba Oromo ani bakka bu’elleef akkasuma waan guddoo.Magaalii kun teenna isaan jechisiisa.Ilmaan isaani asitti dhalatan,asitti guddatan---tanaafuu aadaa fi afaan isaanii jabaatanii guddachuuf qaban.”

Namii yaada kana falmee jiraa jennaan ammoo; namii falmee hedduun hin jiru taatullee wanti jalqabee hojjachuu malan hin jirtuu?Ka jedhelleen hinmuam jiraa jedha.

“Nuuf wantii guddoon eennummaa namaa mirkaneessuu,huji isaatiin galteeffachuu afaani fi aadaa isaatiin faarsuu,qooda isaan magaalaa keessaa qaban mirkaneesuun waan jabduu.”

Fkn akka miseensa mana marii kanaati biyya cufa keesatti sabii toko qooda biyya sunii keessaa qabaatu qaba.Akka jehca miseensa Mana Marii magaalaa Miniyapoolis,Abdii Warsamee ​London,USA fi biyya hedduutti naannoo maqaa sabaatiin yaamanaitit jira

“Namii maqaan Oromoo MN keessattti barreefamu arge, Oromoon eennummaa Oromoo,seenaa Oromootii fi waan Oromoo hedduu beekaaf.”

Karaa maqaa Oromootiin moggaasan kana Fulbaana 12, 2015 fulaa bulchooti magalaaa Miniyapoolis,St.Paulii fi hawaasii Oromoo,Somaalee itti walti dhufetti eebbisanii banan.

Abdii Warsamee

Miseensa mana marii magaalaa Miniyapoolis,Abdii Warsamee
Miseensa mana marii magaalaa Miniyapoolis,Abdii Warsamee

​Miseensii Mana Mari magaalaa Miniyapooliska akka Oromoo fi Somaaleen maqaa ufiitiin karaa argatan gaafate kun bara 2013 jalaqee miseensa mana marii magalaa Miniyapoolsii tahee hojjachuu bahe.

Nama Robert Lilligreen jedhan filannoon moo’ee hojjachuutti jira. Namii Somaalee ka isaan duratti hujii innii amma itti jiru tana MN keessatti argate hin jiru.

Abdii Warsamee Paartii siyaasaa Amerikaa DFL,Democratic Farmer-Labor Party jedhan paarti Demokiratik waliin hojjata.

Paartii tun MN keessati guddoo beekamti.Paartii tana keessaa bulchoota zoonii MN sadii,Senetii USA afurii fi bakka buutota USA sadiitti filame. Paartii MN seera baaftu hedduu paartii tana keessaa filaman.Warsameen abbaa warraatii intala dubraa tokkoo qaba.

Abdii warsame Somaaleetti dhaltee Londonitit guddate yuniversitii UK gara garaa keesatti baratee nama ganna 40 jalatti dhiyaachuutti jiru.

Itti gaafatamaa Hawaasa Oromoo MN ka durii,Obboo Hassan Huseeniif Oromoon MN keesstti maqaa ufiitiin karaa argachuun gammachuu akka inni aadaa isaa dabalee guddifatu tolcha.

​Karaa kana irratti maqaa fi eennummaa ufiitii irratti barreeffachuu fi qophii gara garaa itti qopheeffachuun,aadaa ufii mullisuun eennummaa Oromoo guddisaa, maqaa Oromootiin mallattoo qabaachuun waan nama gammachiisaa jedha.

Gama kaaniin ammoo bulchiinsii Magaalaa Minniyapoolisi Somaalleellee MN keessatti Somali Street jedhee maqaa isaaniitiin karaa moggaase.

Somali Street
Somali Street

Karaan Somali Street jedhan ammoo 6th Street fi Cedar Avenue haga 15th Avenue South jedhanm jidduu jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG