Labsii Lakkoobsa 65/1995 ka magaalota Mootummaa Naannoo Oromiyaa Hundeessuuf bara 2003 bahee ture irra-deebiin Fooyyessuuf Labsii dhiheenya Mootummaan Oromiyaa baase ilaachisun, ka Dirree Dimookiraasii irratti marii geggeessan, Prezidaantiin Mana-murtii Walii-galaa duraanii, Obbo Tashaalee Abarraa fi xiinxalaan siyaasaa, Obbo Jawaar Mohammed, labsiin haaraan kun fedhii siyaasaa kan eenyummaa , aadaa fi lafa uummata Oromoo irratti dhiibbaa qabu irraa madde, jedhu.
Dhimmi master plaanii magaalaa Finfinnee otuu irratti mari’atamiinii fi furmaata tokko hin argatiin dhimma magaalaalee Oromiyaa fiduun, magaalaalee naannoo Oromiyaatti cehanii labsii kana baasuun, isa karaa master pilaanichaa gochuun isaan danqee ture, harka biraatiin magaalaalee naannoo Finfinnee jiran, Finfinneetti dabaluuf yokaan magaalaalee Oromiyaa magaalaalee ka biroo Oromiyaa keessa hin jirre waliin waitti-makuuf ka dursee haala miijessu, shakkii jedhu uumuu isaa, ka dubbatan, xiinxalaan siyaasaa Jawaar Mohammed, keessumaa “jiraattonni magaalaa tokko haga maqaa magaalaa keessa jiraatanii jijjiruutti illee mirga qaban” ka jedhuu fi jechawwan shakkisiisoon labsicha haarawa keessatti barreessaman mirgaa fi dantaa Oromiyaa fi Oromoon magaalaalee isaa irratti qabu gaaffii keessa galchu.
Seerichi, dhuguma kana gochuutti fuuleffatee ka ba’e taanaan, daangaa heeraan Oromiyaadhaaf kenname ka faallessu waan ta’eef Mana-maree Federeeshiniin xiinxalamee haqamuu qaba, ka jedhan immoo, Obbo Tashaalee Abarraa ti.