Xurree ittiin seenan

Breaking News

Oriijin Afrikaa 2015


Kan oomishni jirbiilee fi huccuulee irratti beeksisaman, agartsiisne sadarkaa Addunyaa “Oriijin Afrikaa 2015” jedhamu Har’a Finfinnee keessatti banamee jira. Aaangawoota biyyootaa, hoogganoota daldalaa, dizaaynerootaa fi ogeeyyii Industrii tu agarsiisa kanatti hirmaate.

Meleskaachew Amahaa Finfinnee irraa akka gabaasetti, Magaalaa Finfinnee keessatti agarsiisni jirbii fi uffataa “ORIGIN AFRIKAA 2015” jedhamu, Har’a gara waaree jala ennaa banamu, aangawoota sadarkaa ol’aanaa haasawa godhan keessaa tokko – Minisara Industirii Itiyoophiyaa, Obbo Ahmed Abitew yoo tahan, haasawa isaanii keessatti “agarsiisni yokaan Ekspoon kun yeroo ammaa banamuun, ka biyyattiin jalqabdee jirtu, karoota Guddinaa fi Jijjiiramaa yokaan Taansfoormeeshiniif carraa gaarii ta’ee jira” jedhan. Keessumaa, carraa hojii guddaa Industriin kun banu hubachiisanii, agarsiisni “ORIGIN AFRICA 2015” jedhamee har’a baname carraa guddaa inni banus dubbatan.

Biyyoota Afrikaa adda addaa irraa aangawoota murtii kennanii fi hoogganota daldalaa wal-agarsiisee, dizaayinarootaa fi Indistiriilee Afrikaa adda addaa waliin walii-galteelee mallatteesisuuf gargaara – jedhu – Ministarichi Industirii Itiyoophiyaa.

Prezidaantiin Itiyoophiyaa –Dr. Mulaatuu Teshoomees, ennaa haasawa baninsaa godhan keessatti – karoora guddinaa fi jijjiramaa biyyattii jalqabdee jirtu kanatti, toorri Indurstiii kana aka qooda guddaa gumaachu ta’uu mirkaneessanii dubbatan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG