Xurree ittiin seenan

Breaking News

Xayyaarri Itiyoopiyaa Finfinnee dhaa Har'a ka'e rakkootu isa mudate


Gama Ayeer Laandiin as gara Amerikaatti balali’aa kan ture xayyaarri Itiyoophiyaa Dream Liner jedhamu har’a deebi’ee achuuma Dablin keessa qubachuu isaa daandiin balalii xayyaaraa kan Itiyoophiyaa marsariiti isaa irrratti beeksisee jira.

Xayyaarichii har’a ganama dirree Xayyaaraa Dablin irraa ka’ee gara as washingtonti imalaa ituu jiru/galaana Atlaantiik irraatti rakkoon waan isa mudateef deebi’e jedhama.

Lakkofsii balalii isaa ET-ARF kan ta’e 787 dream liner Motorri isaa tokko hojii waan dhaabeef imaltoota 300 fe’ee akka ture IRISH Mirror gabaasee jira.

Xayyaarichi nagana qubachuun isaas ibsamee jira.Itiyoophiyaan imaltoota 242 hanga 335 fe’uu kan danda’an xayyaaroota Driim Laayneer jedhaman 13 qabdi.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG