Xurree ittiin seenan

Breaking News

Muummichi-ministaraa Itiyoophiyaa “Dhaabonni Qabsoo Karaa Nagaatti Yoo Deebi’an Wayya” Jechuu Isaanii Ni Simanna, Jedhu Dubbi-himaan Adda Dimookiraatawa Oromoo


Muummichi-ministaraa Itiiyoophiyaa Obbo Hayile-maariyaam Dessaalenyi, Wixata, Onkoloolessa 27 Mana-maree Bakka-bu’ootaa Itiyoophiyaatti gaaffiilee miseensota irraa dhihaataniif dhaabota mormitootaa “humnaan mootummaa gargalchuuf hojjetaa jiru” jedhan ilaalchisee ennaa dubbatan, “qabsoo hidhannootiin mootummaa garagalchuu yaaluun, waan faayidaa qabu miti” jechuun, gara karaa nagaatti deebi’an gaafachuun isaanii ni yaadatama. Dhaabota siyaasaa karaa nagaa, biyya keessatti qabsoo geggeessuuf carraaqan keessaa tokko kan Obbo Leencoo Lataan hoogganamu – Adda Dimookiraatawaa Oromoo ti.

Dubbi-himaa dhaabichaa, Obbo Leencoo Baatii, Minesootaa irraa akka jedhanitti, dhaabni isaanii yaada muummichi-ministaraa Itiyoophiyaa kennan sana ni simata.

Dubbii Himaa ADO, Obboo Leencoo Baatii
Dubbii Himaa ADO, Obboo Leencoo Baatii

​Addi Dimookiraataw Oromoo qabsoo karaa nagaa geggeessamun gaaffii uummata Oromoo furuuf, akkasumas, deemsa yeeroo dheeraa keessa mirgi uummatoota Itiyoophiyaa maraa kabajamee biyyattiin gara dimookiraasummaatti akka jijjiiramtu qabsaa’uu kaayyeffatee waggoota lamaan dabraniif, aangawoota mootummaa Itiyoophiyaa sadarkaa adda addaa irra jiran waliin ka marii geggeessaa turee fi amma illee itti jiru ta’uu isaa dubbatan, Obbo Leencoon.

“Haasawa sana xumura irraan ga’anii qabsoo karaa nagaa gara biyya keessaatti deebisuuf jecha baruma kana gara jalqabaa irra hoogganni keenya gara Itiyoophiyaatti imaluun dhugaa dha. Garuu, yeroo sanatti, aangawoonni Mootummaa Itiyoophiyaa dhimma filannootti waan jiraniif akka yaadni deemnetti milkaa’uu hin dandeenye.” Ka jedhan, Obbo Leencoo Baatii, sana illee akkuma yaada qajeelaatti ilaaluu isaanii fi amma illee aangawoota Itiyoophiyaa waliin dubbachuu itti fufuu isaanii dubbatu.

“Kanaaf, gama keenyaan waan nu irraa eegamu goonee jirra. Amma deebiin kan eegamu gama mootummaa Itiyoophiyaa irraa ti” jedhu.

Muummichi-ministaraa Itiyoophiyaa, Obbo Hayilemaariyaam Dessaalenyi, “dhaabonni qabsoo hidhannootiin mootummaa garagalchuuf hojjetan. Biyyattii deebi’anii, yaada addaa yoo qabaatan karaa nagaa dhiheeffachuu wayya” jechuun isaanii kaayyoo isaanii wajjiin kan wal-simatuu fi abdii isaaniif kennu ta’uu eeran.

please wait

No media source currently available

0:00 0:07:05 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG