Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gareeleen Sudaan Kibbaa walii galtee nageenyaa Mallatteessan


Sirna adeemsa walii galtee nageenyaa Sudaan Kibbaa hanga yoonatti jiran keessaa kan akka isa ammaa gara hojiitti hiikuutti kan siqe waan jiru hin fakkaatu.

Kan Finfninneetti argamu hoteela Sheraaton keessatti kan geggeessame sirna walii galtee mallatteessuu irratti kanneen argaman martinuu isuma kana calaqqisan.

Araar taa’aa gameessi garee mormitootaa Tabaan Dangaay walii galtee sana hojiitti hiikuuf fuula duratti tarkaanfachuuf qophee dha jedhan.

Sadaasi bultiin sadii uummata Republikii Sudaan kibbaaf guyyaa seena qabeessa ta’uu ni amanna. Kun walii galtee nageenyaa nuti mallatteessine hojiitti hiikuuf tarkaanfii baay’ee barbaachisaa dha. Guyyoota lama dura Kanaan booda hojii nuti kana booda hojjennu galmee of keessaa qabu mallatteessuu keenya ni yaadattu.

Walakkeessa baatii kanaa jiloonni SPLMA gara Juubaatti kan imalu ta’uu beeksisuun fedha. Jaallee Maaykil/ministeera odeeffannoo/ jechuu isaanii ti simannaa sanaaf haa qophaa’an. Yeroo bakka sana turrutti tajaajila kennamu maraafis akkasuma jedhan.

Ministrtii odeeffannoof araar taa’aa gama mootummaa ijoo kan ta’an Maaykil Maakuwi-luweez adeemsi sun Juubaatti akka itti fufu abdii qaban ibsaniiru.

Kun Finfinneetti kan geggeessinu wal ga’ii isa dhumaa ta’a jedheen abdadha. Sababiin isaas kana booda adeemsa walii galtee nageenyaa hojiitti hiikuu gara Sudaan Kibbaatti geessaa jirra waan ta’eef. Yeroo kanattis IGAD hojii gaarii inni hojjeteef galateeffachuu feena jedhan.

Akka walii galtee har’a mallatteeffametti waardiyyaalee prezidaantii fi itti aanaa prezidaantii gamtaa murna waraana fi tajaajila naga eegumsa biyyoolessaa dabalatee loltoonni kuma shan ta’an Juba keessa buufachuuf jiru. Mootummaa fi mormitoota keessaa kan walitti dhufe humni poolisii kummi sadiis jiraachuuf jira. Akka walii galtee sanaatti yeroo mootummaa ce’umsaa dura inni jedhu baatii Muddee 28 dhufu xumurama. Muddee 15 fi Amajjii 15 yeroo jiru gidduutti immoo mootummaa ce’umsaa tokkummaa biyyoolessaatu hundeessama.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG