Xurree ittiin seenan

Breaking News

Oromootii barattootaa fi maatii Master Pilaanii Finfinneeetiif lubuu dhaban yaadachuuf, White House duratti shaamaa bobeessan


Yaadannoo barattootaa fi maatii maaster pilaanii lubbuu dhaban,White House,Muddee 17,2015
Yaadannoo barattootaa fi maatii maaster pilaanii lubbuu dhaban,White House,Muddee 17,2015

Qophii tana Oromoota DC fi naannoo isii jirantti itti dhufe.Namii hagii tokko akka hawaasaatti wal jajjabeessuuf,waliin gadduuf,kaayoo barattootaa fi maatiin irratti lubbuu dhaban deeggaruuf rakkoo biyya keessa jirtu jedhan addunyaatti himuuf dhufne jedha.

Jarii qophii sunii dhufe Oromoo fi hawaasa gara garaati.Hagii tokko nama maatii isaanii irraa lubbuu dhabe.

White House,DC Muddee 17,2015
White House,DC Muddee 17,2015

​Intaltii dubraa ta obboleessii isii hiriira falmii Master Pilaanii Finfinnee bara 2014 Ambootti bahan irratti lubbuu dhabe harqaa akka obboleessii isii ijjeefame jette qaabatte.

“Mana barumsaatii ennaa innii galu shiftaa jedhanii guyyaa falmii Amboo irratti karaa irratti ajjeesan.”

Birhaanee Galatoo warra hiriira qopheesse keessaa tokko.“Akka haadhaatti madaan akka malee waan nutti dhagahamtuuf rakkoo keenya Amerikaa fi addunyaatti himuuf dhufne.”

Aaddee Biiftuulleen maqaa abbaa himachuu baattullee akka rakkoon dhiiga namaa dhangalaasuutti jirtu dhaabattuu akka hawaasaatti waliin gadduuf walti dhufnee jetti.

Sirna shaamaa bobeessuu
Sirna shaamaa bobeessuu

​Leelloo Nagaraa,Miilanaa Teferraa fi Seenaa Fayyeeraa Nagaaraa barattoota yuniversitii gara garaa keessa baratan. Rakkinna biyya keessatti barattoota irra gahuutti jiru addunyaatti himuuf akka dhufan dubbatan.

Gabaasa kana caqasaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:56 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG