Koreen Haqa FIFA,Federeshiinii Waldaa Kubbaa Miilaa perezidaantii isii Sepp Bilaaterii fi perezidaantii Waldoota Kubbaa Miilaa Awurooppaa (UEFA) Misheel Pilaatiinii balleessaa itti murtee akka hujii ispoortii tokkollee ganna saddeetiif hin hojjanne adabde.
Jara kana duruu gumboo nyaatee hujii hojjataa jedhanii waan hedduun himachaa bahan.Balleessaa amma ammoo doolara miliyoona lamaa Pilaatiinii bara 2011 seera malee fudhate jedhaniin himatan.
Akka gabaasa koree tanaatti jarii kun akka malee seera cabsee horii ummataa balleesse.
"Ufii fi FIFA qabsaawaa,” jedha jaarsii ganna79 Bilaater yoo kora irratti waan himataniin dubbate.Pilaatiiniin ammoo, “tun murtii maqaa na xureessuuf natti muran,” jedhe.Jarii lamaanuu dubbii tan oli iyyachuuf kurfoo jira.
Koreen Haqaa FIFA tana maleellee Bilaater $40,000, Pilaatiinii ammoo$80,000 adabde.
Bilater dhalootaan Swiss Pilaatiiniin ammoo Faransaay.Bilaater bara 1988 jalqabee perezidaantii FIFA tahee hojjachuutti jira.Yoo innii balleessaa tanaan hujii irraa bu'e silaa Pilaatiiniitti fulaa bu’a jedhanii eegaa bahan.Pilaatiiniiniin amma balleessaan himatan kun bara 2007 jalqabee UEFA bulchaa bahe.
FIFAn Gurrandhalaa 2016 perzidaanti haaraa filata nama shanan kanatti dorgommiitti jira:
Sheikh Salman bin Ebrahim al-Khalifa – ganna 50, dhalootaan Baharen. Ammatti Perzidaantii Konfedereshiinii Kubbaa Miilaa Eezhiyaati.
Tokyo Sexwale –ganna 62,dhalootaan Afrika Kibbaati,nama siyaasaatii abbaa qabeennaati,durii maqaa siyaasaatiin guddoo hidhame
Prince Ali bin al-Hussein – ganna 39,dhalootaan Jordaan,itti aanaa perezidaantii FIFA ka durii fi bara 2015 ammoo perzidanatii FIFA tahuuf dorgome
Gianni Infantino – ganna 45,dhalootaan Siwizerlaandi,itti gaafatamaa UEFA fi miseensa koree jijjiirama FIFA
Jerome Champagne – ganna 57,dhalootaan Faransaay,itti aanaa itti gaafatamaa FIFA fi diplomaatii Faransaay ka duriiti
Filannoon perezidaantummaa FIFA Gurrandhalaa 2016 jalqabdii miseensa FIFA 209tti abbaa filatu filata