New York haga Awustiraaliyaa fi biyya henna Girigooriyaan hedatanitti nama miliyoona hedduutti bahee ganna haaraa, 2016 simate.
Namuu waan akka akkaatiin ganna haaraa simate;kaan manneen amantii ufii dhaqee,kaan lafa galgala keessatti waari’anitti walti dhufee waari’e.
Amerikaa magaalaa namii miliyoona hedduu qophii akkanaatiif itti yaahu NY,jalabultii ganna haaraatiif nama miliyoonaatti dhiyaatutti Time Square,lafa bashananaatti walti dhufee ganna kana simate.
Weellisaa Bitish Jessie J. faatti sirba John Lennon ‘Imagine’ sirbee namii sirbaan danfa xuruurrachaa bule.
New Yorkitti namii qaanqee ol facaasee Time Square lafa guyyaase.Achiin ammoo sirba Frank Sinatra, Ray Charles fi Louis Armstrong irra kahanii namii haga qraallee caala sirbaan lafa chochoose.
Qophii poolsii fi warrii lafa eegu 6,000 itti dhufe ta Amerikaa nagumaan dhumatte.Biyya haga tokkotti ammoo nagaa lafaa sodaatanii qophii alaallee diqqeessan.
Poolisiin Jeremenii nagaa biyya isiitif jettee buufata baabaruba isii lama cufan.Raashiyaalleen lafaa namii itti bashannanuun beekamtu, Red Square cufte.
Poolisiin Jakaartaa,Indoneezhiyaa ammoo nagaa biyya isii sodaattee eegumsa jabeeffattee qophii gammachuu diqqeeffatte.Biraaselsilleen woma akkasii tolchite.
Biritenitti ammoo nama kuma dhibba hedduutti bahee Londonitti qaanqee oli facaasee ganna haaraa gamamchuun simate.
Rio de Janeiro, Brazil ammoo nama miliyoona lamaatti lafa afaan galaanaa jala jirtu, Copacabana keessatti walti dhufee gammmachuun lafa dhiitaa bule.
Namuu waan akka akkaatiin ganna haaraa,2016 simata kaan manneen amantii ufiitti yaa’ee waan waaqa ufii yaamata.