Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hiriirri Mormmii Oromiyaa Godina Harargee Bahaa fi Gujii Keessatti Itti Fufee Oolee Jedhu Jiraattonni


Hiriira Mormii Oromiyaa
Hiriira Mormii Oromiyaa

Godina Harargee Bahaa aanaa Meettaa magaalaa Goroo Muxii keessatti barattoonni har’a hiriira nagaa ba’uu dhaan gaafii qaban dhiyeeffachuu isaani jiraattonni nuuf ibsanii jiru. Humnoonni mootummaas itti bobba’uu dhan hiriira isaanii bittimsuu isaanif barattoonnis addaan tamsaa’uu dubbatan jiraattonni.

Gama biraatiin immoo godinaa Gujii aanaa Goroo Doolaa magaalaa Har-Qalloo keessatti barattoonni mana barnootaa sadarkaa lammataa fi giddu gala sadarkaa lammaffaa kanneen hidhaman nuuf haa hiikaman, gumaan lammiiwwan keenya du’anii nuuf haa baafamu jedhanii dhaadannoo dhageessisaa hiriira ba’uu isaaniitin humnoonni mootummaa itti bobba'anii hiriira bittimsuu dhan barattoota reebanii kaan hidhaatti guuran jedhu jiraattonni.

Dhimaa kana qaama mootummaa irraa adda baafachuuf gara itti gaafatamaa waajira nageenya aanaa Gooroo Dolaa Obbo Aberraa Cuwweetti bibillee ture. Isaanis, waan jedhamuu kun dhara ta’uu fi magaalattin nagaa guutuu qabaachuu nutti himaniiru.

Gabaasa guutuu armaan gaditti dhaggeeffadhaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:10:20 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG