Xurree ittiin seenan

Breaking News

Keeniyaan Lammilee Itiyoophiyaa Seeraan Ala Biyyattii Seenan jette 23 Naayiroobii Naannoo Kahaawaa Weestitti To'annaa Jala Oolchite.


Kahaawaa Weest, Keenyaa
Kahaawaa Weest, Keenyaa

Lammileen Itiyoophiyaa 23 ta’an seeraan ala Keeniyaa seenan magaala guddoo biyyattii Naayiroobii keessatti to’annaa poolisii jela oolani. Godaantonni kuni Naayiroobii Kahawaa Weest bakka jedhamutti kaleessa ka qabaman yoo ta’an, mana Murtee kutaa Bulchiinsa Kiyaambuutti dhiyaatanii dhimmi isaanii akka gadi fageenyaan qoratamuuf beellamni torbee tokkoo isaaniif kenneera.

Namni lammilee Itoophiyaa kana isaan simate eenyummaan isaa haga yoonaa ka hin beekamne yoo ta’u, jiraattonni naannawa sanii garuu lammileen Itoophiyaa kuni ajjeechaa shofeera mootoraa kibtaxa darbe Kahawaa Weestitti ajjeefame keessaa harka qabaachuu hin hafne jechuun himatanii jirani.

Yeroo sanattis humna poolisii lammilee Itoophiyaa qabuu dhufe kana duuka ka walitti bu’anii turan yoo ta’u, poolisiin keeniyaas namoota kana tamsaasuuf dhukaasa akeekkachiisaa dhukaaseera. Itti aanaa ajajaa humna poolisii kutaa bulchiinsa Kiyaambuu ka ta’an Officer Joonisten Liyaambiilaa garuu yakka jedhame kana keessa harki lammilee Itiyoophiyaa kun hin jiruu jechuun Raadiyoonii Sagalee Ameerikaaf himaniiru.

Gabaasa guutuun kunooti
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:16 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG