Xurree ittiin seenan

Breaking News

Keeniyaan Buufata Baqattootaa Cufuuf Murteessuun Ishii Jireenya Keenya Egeriif Nu Yaadddessaa Jira Jedhu Baqattoonni Oromoo


Keeniyaan Buufata Baqattootaa Cufuuf Murteessuun Ishii Jireenya Keenya Egeriif Nu Yaadddessaa Jira Jedhu Baqattoonni Oromoo
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:02 0:00

Murtee Keeniyaan baqattoota ofirraa gaggeessuuf dabarsite baqattoota biyyattii keessa jiran yaadddessaa jira. Baqataan Oromoo Huseen Hamdaa jedhamu ka dhiyeenya Itiyoophiyaa baqatee dhufe 'Murteen biyyatti deebi'aa jedhu kuni baayyee ulfaataa' jedha. Dhimma kana ilaalchisuun Gamtaa Mootummootaatti waajjirri Baqataa UNHCR mootummaa keeniyaa faana ka mariyachaa jiru yoo tahu, ammasitti baqattoonni Keeniyaa keessa jiran akka tasgabbaayanii taa'an ibsee jira. Dursaan hawaasa Baqataa Oromoo Naayiroobii Abdusalaam Muktaaris yeroo adda addaatti murteen Keeniyaa keessatti Baqataa irratti darbu baqattoota hedduu miidhaa, kanaaf murteen kunis baqattoota ka yaaddessu jechuun Raadiyoonii VOAf himaniiru. Mootummaa Keeniyaa murteen kana ilaalchisee haala raawwii isaa dhuma ji'a kanaatti ifa godha.

XS
SM
MD
LG