Xurree ittiin seenan

Breaking News

Poolisiin Keeniyaa Shira Haleellaa Keemikaalaa Antiraaksii Fashaleesse Jedhe


Faayilii - Baakteeriyaa antiraaksii
Faayilii - Baakteeriyaa antiraaksii

Poolisiin Keenyaa barattoota ogeessa fayyaa Mohammed Abdi Ali fi haadha warraa ishee akkasumas hiriyaa ishee caasaas shororkee kan gaanfa Afriikaa keessatti hirmaatan jedhamuu isaaniif ta’annaa jala oolchee jira. Kanneen kana keessaa harka qabu jedhamaniif barattoota oguma fayyaa lama hin qabamin jiru. George Musamali xiinxalaa dhimma nageenyaa kan gaanfa Afriikaa fi Afriikaa waaltaa ti.

Gama sochii keenya kan odeeffannoo walitti qabuun fuula duratti tarkaanfanne jedheen amana. Sababiin isaas kun basaasa keenya Keeniyaa keessaa ilaalchisee injifannoo guddaa dha. Kunis tajaajila tika nagaa biyyoolessaa, poolisii Keeniyaa fi miseensota tika nagaa waraana keessaa of keessaa qaba. Kunis kan mul’isu yeroo ammaa kutaaleen basaasaa qindoominaan waliin hojjetaa jiraachuu isaanii ti jedhan.

Poolisiin akka jedhetti shirri saaxilame kun haleellaa keemikaala "Antrax" jedhamu kan daarqia baakteeriaa battala qaama namaa seennaan wal ga’uu danda’uu of keessaa qaba. Haleellaan kun raawwatamuuf kan karoorfame Ebla 29 ennaa ta’u akkuma galma gabaa Westtgate irratti haleellaa bara 2013 raawwatee namoota 67 galaafate Sanaa ammas namoota hedduu ajjeesuuf tura.

Haleellaan sun raawwatamuuf kan ture garee hidhata al-Qaida Somalia keessa jiru al-Shabaiin ta’uun beekamee jira.

Poolisiin maqaa shakkamtoota maraa Twitter irratti maxxansee jira. Gareen namoota kanaa barattoota Yunivarsitii fi dargaggoota keenyaa cicitoota akka ta’an akkasumas gareelee shororkaa Liibiyaa fi Siiriyaa keessa jirutti akka makaman jajjabeessaa turan. Gareen IS namoota kana waliin hidhata qabaachuu mala kan jedhus yaaddoo uumee jira jedhu Musamali-n.

Gareen IS gaanfa Afriikaa fi Afriikaa waaltaa keessatti waan ta’utti hirmaachuuf fedhii qabaachuun ifaa dha. Kun immoo dhimma nu akkaan nu yaaddessu ta’uu qaba jedhan. Akeekkachiisa kenname keessaa shakkamtoota hin qabamen jiran lama hidhannoo kan qabaniif sodaachisoo akka ta’an ibsamee poolisiin keeniyaas shakkamtoonni kun akka qabamaniif nama odeeffannoo kenneef shilingii Keeniyaa miliyoona lama ykn doolaara $20.00 kan ta’u kennuuf waadaa seenee jira.

Poolisiin Keeniyaa Shira Haleellaa Keemikaalaa Antiraaxii Saaxile Jedhe
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:37 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG