Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gamoo Jireenyaa Naayiroobiitti Jigeen Bayyinni Namoota Lubbuu Dhabanii 20 Gahe.


Naayroobiitti gamoon tokko kufe, Ebla, 30, 2016
Naayroobiitti gamoon tokko kufe, Ebla, 30, 2016

Keeniyaa Naayiroobiitti gamoon mana jireenyaa tokko jigee namootni 20 yoo du’an 60 ol ka ta’animmoo haga yoonaa bakki isaan bu’an hin baramne. Gamoon kuni ka jige sanbata darbe halkan yoo tahu, sababi jiguu isaatis bokkaa cimaa Magaalattiitti roobeedha. Haaga yoonaattis lubbu baraarsitoonni fi poolisiin biyyattii caccabaa gamoo jige kana jela soqanii nama barbaadaa jiru. ​

Pirezedentiin Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaattaa abbaan qabeenyaa gamoo jige kanii to’annaa jela akka oolu yoo ajajan, Bulchaan magaala Naayiroobii Ivaansi Kideeroo balaa qaqqabe kanaaf malaammaltummaanillee gahee mataa isaa qabaa jechuun dubbatanii jirani.

Galmoo Daawwit gabaasa itti aanu Naayiroobiirraa gabaasa itti aanu nuuf ergeera.

Gamoo Jireenyaa Naayiroobiitti jigeen Bayyinni Namoota Lubbuu Dhabanii 20 Gahe.
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:33 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG