Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waldaan Horsiise Bultoota Oromiyaa Badhaasa 'Equator Award' badhaafame.


Waldaan Horsiise Bultoota Oromiyaa Badhaasa 'Equator Award' badhaafame.
Waldaan Horsiise Bultoota Oromiyaa Badhaasa 'Equator Award' badhaafame.

Gamtaa Mootummootaatti Sagantaan Guddina Diinagdee UNDP Kabaja guyyaa ayyaana dachee irratti, Waldaa Horsiisee Bultoota Oromiyaa gumaata qabdan jedhee badhaasa ‘Equator Award’ jedhamu Naayiroobiitti isaan badhaase. Ayyaanni Dachii Yookiin inni ingiliffaan ‘World Earth Day’ jedhamu harra sadarkaa idla addunyaatti ka kabajame yoo tahu, Waldaan Horsiise Bultoota Oromiyaas bu’aa eegumsa naannoo fi guddina diinagdeetiif gumaacheef badhaasa kana fudhachuu danda’eera. UNDP bakka bu’anii badhaasa kana horsiise bultoota kana ka badhaasan Mr. Michel Balima hojiin waldaan kuni hojjete saba addunyaa kaaniifillee fakkeenyaa jechuun dubbatani.

Galmoo Daawit badhaafamtoota dubbisee oduu dabalataa nuuf ergeera.

Waldaan Horsiise Bultoota Oromiyaa Badhaasa Equator Award jedhamu badhaafame. Waldaan kuni badhaasa kana kan badhaafameef, hojii eegumsa naannoo fi guddina diinagdee egereef tahu gumaachee jedhameetu. Harra akka idila addunyaatti Guyyaan Ayyaana dachii ka kabajamee oole yoo tahu, Gamtaa Mootummootaatti Sagantaan Guddina Diiinagdee UNDP nis guyyaa kan sababeeffatee horsiise bultoota biyyoottan Afriikaa Bahaa keessaa bahan gidduutti waldaa kana badhaasa kana isaan badhaase; akkasumas Doolaara Ameerikaa kum Kudhanillee isaaniif arjoome.

Dr. Abdullaahii Hajii Waaqoos horsiise bultoota kana bakka bu’anii badhaasa kana kan fuudhan yoo ta’an, iccitiin as gahuu keenyaa aadaa Oromoon eegumsa naannoo irratti qabuu jedhan.

Waldaan Horsiise Bultoota Oromiyaa Badhaasa 'Equator Award' badhaafame.
Waldaan Horsiise Bultoota Oromiyaa Badhaasa 'Equator Award' badhaafame.

Akka Dr. Abdullaahiittis waldaan Kuni haga Taanzaaniyaa, Sudaan Kibbaa fi Tanzaaniyaatiillee miseensa ka qabu yoo tahu, egeris akka aadaa Oromootti waan boruuf tahu hojjechuu itti fufnaa jedhan. Gamtaa Mootummootaatti Sagantaa Guddina Diinagdee ‘UNDP’ bakka bu’uun badhaasa kana ka kennan Mr. Michel Balima Waldaan Horsiise Bultoota Oromiyaa mirga hawaasa ofii kabachiisuu fi eegumsa naannoo irratti waan gaarii hojjete jechuun jajan.

Waldaan Horsiise Bultoota Oromiyaa Badhaasa 'Equator Award' badhaafame.
Waldaan Horsiise Bultoota Oromiyaa Badhaasa 'Equator Award' badhaafame.

Akka Mr. Balimatti UNDP’ n haga yoonaa horiise bultoota naannoo Kaaba Keeniyaa fi Kibba Itiyoophiyaa jiran gargaaruuf gara $ Miiliyoona 12 ol baasii godheera. Sababa badhaafamu horsiise bultoota Oromiyaa ka tahe Ayyaanni Dachee Yooakaanis inni ingiliffaan World Earth Day jedhamu ka kabajamuu jalqabe bara 1970 Ameerikaatti yoo tahu, ayyaana kana sababeeffachuudhaan Magaala New York tti walgayii taa’amuunis Labsiin Seeraa walgayii waa’ee faalama qilleensaa Paaris irratti qophaaye ture ni raggaasifama.

Waldaan Horsiise Bultoota Oromiyaa Badhaasa 'Equator Award' badhaafame.
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:19 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG