Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mooyyaleetti Roobi Yandoo Roobe Lubbuu Nama Sadii Galaafate


Faayilii - Magaala Moyyalee, Keenyaa
Faayilii - Magaala Moyyalee, Keenyaa

Mooyyaleetti Bokkaaan yandoon dilbata darbe roobe qabeenyaa fi lubbuu namaallee balleesse. Rooba kana booda lolaan lola’ee lubbuu nama sadii yoo galaafatuu, qabeenya horiirrattis balaa geessiseera jechuun dhaabbanni fannoo diimaa Raadiyoonii VOAf himee jira. Keessumaa Moyyaalee naannoo Meeggaatti sababa daandii ijaaramaa jiruuf jecha lagni hidhame tokko guutee manneetii jiraattotaa naannochaa akka balleesse jiraattonni ni dubbatu.

Gabaasi kan Galmoo Daawit.

Mooyyaleetti bokkaa cimaan roobee namaafi qabeenya irrattillee balaa geessise. Akka jiraattonni jedhanittii, sanabata halkan waarii kaasee haga dilbata guyyaatti bokkaa yandoon roobee namootni sadii yoo du’an, loowwanii fi bushaayeen jiraattota naannawa magaalattii jiraataniis lolaadhaan fudhatamaniiru. Kana malees lolaan cimaa bokkaa sana booda lola’ee riqicha guddicha Itiyoophiyaa fi Keeniyaa wal qunnamsiisu irrattillee midhaa geessisuu irraa kana ka’e haga harraa riqichi kun tajaajila kennaa akka hin jiree jiraattonni ni dubbatu. Obbo liiban Goollichaa jiraataa Moyyaaleeti…..

Dubartoota gabaadhaa galan, Moyyalee, Keenyaa
Dubartoota gabaadhaa galan, Moyyalee, Keenyaa

Bokkaan kuni bokka guddaatu roobee, sa’aatii sagal halkanii jalqabee (paka) hamma guyyaa sa’a jahaatti roobe dilbata. Fulaanii, arda hedduu roobe, gama Keeniyaa fi Itiyoophiyaa keessallee, guddum roobe. Karaallee kute…yaayyuu hin cufe, karaan boorii kan moyyaalee keeniyaa deemu hin jiru, karaan dabeelii kaa, Moyyaalee deemulleen hin jiru, sun cufni karaan sun cufni yaa ciccitee, karaan Keeniyaa guddaan Ka Moyyaalee Keenyaa fi Moyyaalee Itoophiyaa walitti deemullee yaa ciccitee….. waan hedduu balleesse, horiin du’ee, re’een 25, loon afurii. Akkasiinii, horiin hagas gahu du’e. manas guddoo cabse, alafu(darbees) lubbuu namaallee ajjeese.

Kana malees bokkaan kuniin Mooyyalee irraa fageenya Kiiloo Meetira 100 irratti ka argamtu Meeggaas miidhuu jiraattonni nii dubbatu. Obbo Dhaddacha Warraab jiraataa Meeggaati, isaanis akka jedhanittii, daandii haarawa Meeggaa kaasee haga Moyyaalee geessu ijaarsisuuf lagi xiqqaan naannoo san jiru sababa hidhameef, bokkaan kuni yoo roobu lagni suni guutee nurra garagalee jedhu.

Akka dameen waajjira fannoo diimaa naannoo Moyyaalee jiru Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf himeetti,. Akka dhaabbata kanaattis namootni du’an sadan kun hundi isaanii ijoollee dhiiraa umurii ijoollummaarra jiran yoo tahan, lammummaan isaaniis Itoophiyaadha. Sababa rooba kanatis Dhukkuboonni balfamuu bishaaniirraa ka’uu danda’an kanneen akka koleeraa fi kaan akka jiraattota naannawa magaalattii’rratti miidhaa hin geessifneef karaa adda addaatiin jiraattota barsiisaa jirra jechuun dabalee dhaabbatichi himee jira.

Ji’oota muraasaan dura Magaala Moyyaalee fi naannoo sanatti dhukkubi koleeraa ka’ee lubbuu nama lamaa galaafachuun isaa ni yaadatama.

Mooyyaleetti Roobi yandoo roobe lubbuu nama sadii galaafate
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:37 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG