Xurree ittiin seenan

Breaking News

Perezidaanti Obaamaan abbaa seeraa Mana Murtii Walii Galaa haaraa file


Bitaa-mirgaa:Itti aanaa perzid. Baayden,Garlandi fi Peirez.Obaamaa APTOPIX Obama Supreme Court
Bitaa-mirgaa:Itti aanaa perzid. Baayden,Garlandi fi Peirez.Obaamaa APTOPIX Obama Supreme Court

Abbaan seeraa Mana Murtii Walii Galaa amma filame kun Merrick Garland, abbaa seeraa Mana Murti Walii Gala Amerikaa ji’a dabre lubbuu dhabe, Antoninon Scalia fulaa bu’ee hojjachuuf dandaha jedhe hardha file.

Perezidaanti Obaamaan filannoo tana hardha White House,bulchiinsa mootummaa Amerikaa keesastti labse.Garlandi nama qalbii seera beettu jabduu qabuu fi hujii tana seeraan hojjachuuf itti ciniinnate jedhee faarse Obaamaan.

Garlandi nama ganna 63 abbaa seeraa mana murtii oli iyyannaa Waashingiton, DC-ti.Obaamaan yoo nama kana filu abbaa seeraa wa sadii guutachuu malee jedha;nama ufumatti hirkatu,dandeettiin hujii isaa shakkii hin qamnee fi akka dansaa seera beeku.

Akka jarii(Senetiin Amerikaa,Garlandi “hujii ragaasee hujii innii ummata Amerikaatii hojjatu jalqabsiisu gaafaddha.”

Nama amma filan kana seneterii Amerikaa fedhu fudhate fedhu ammoo dida. Amerikaan abbootii seeraa Mana Mmurtii Walii Galaa 9 qabdi.Yoo fkn murtii kennuu irratti namii 4 gama tokko bahee 4 ammo gama dhibii bahe akka namii 5essoo gama tokko tahee dubbii muruu dandahuuf 9 tolchan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG