Xurree ittiin seenan

Breaking News

Reebichaa fi Hidhaa Magaalaalee Baddallee fi Bishooftuutti  Hammaatan Jedhaman


Mormii barattootaa, Adaamaa, Oromiyaa (Faayilii)
Mormii barattootaa, Adaamaa, Oromiyaa (Faayilii)

Godina Iluu Abba Boor magaalaa Baddallee fi nannootti barattotaa fi jiraattoota irratti reebichaa fi hidhaan daran hammaate jechuun maddeen ibsanii jiru.Kibxata darbe Polisoonni Federaalaa Mana barumsaa sadarkaa lammaffaa Baddalle seenuun “Namnii Mana Barnootaatti Dhagaa Darbate” eenyu jechuun aara himiimaansu darbatanii barattoota 81 ol ta’aantu ukkamamanii Hospitaala seenuun ibsamee jira. kanneen keessaa 41 amma iyyu mana yaalaa keessa akka jiranii fi kanneen lubbuuf haala sodaachisaa keessa jiran jiru jedhu.Itti anaa bulchaan magaalaa Baddallee Obbo Girmaa Terrafaa polisiin mooraa mana barumsaa seene hin jiru, barataan midhamee hospitaala seene hin jiru jedhan. Garuu kannen polisii harkatti Dullaa argan ofumaa sodaatanii kukkufan boodas hospitaalatti wal’anamanii ba’an 6 ta’u jedhu.

Akkasumas Handaara magaa Baddaleetti kan argamu mana barumsaa sadarkaa duraa Lalisaa Haroo Toree keessatti kibxata darbe barattonni mooraa mana barumsaa keessa eega seenanii booda bulchaan aanaa kaleessa sirbaa waan turtaniif amma walgahii gaggeessina waan jedhaniif jecha nuti barachuuf malee walga’iif hin dhufne jechuun barattonni waan didaniif jecha polisiin aanaa waamamee dhufee barattonni dheessanii barnootattis akka hin deebi’iin barattonni ibsanii jiru.

Garuu kan qabamanii gara magaalaa Baddaleetti geessaman jiru jedhu. Bulchaan aanaa Baddallee Obbo Araggaa Shiguxee walgahii irran jira booda natti deebi’aa jechuun bilbila cufan. Gama kaaniin magaalaa Bishooftuu fi handaara magaalaatti reebichaa fi hidhaan hammaate jedhu jiraatonni fi barattonni. Angawoonni garu ni haalan.

Gabaasa guutuu dhaggeeffadha.
please wait

No media source currently available

0:00 0:13:58 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG