Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itoophiyaan Atileetota Isii 200 Tahan Qorsa Humna Namaa Kennu Liqimsanii Fiiguu fi Dhibaachuu Isaanii Qorachiisuutti Jirti


Bulchoota fi bakka buutota atileetiksii Itoophiyaa
Bulchoota fi bakka buutota atileetiksii Itoophiyaa
RIO 2016
please wait
Embed

No media source currently available

0:00 0:08:17 0:00
Xurree marsariitii

Dhaabii ispoortii addunyaa ka akka atileetotii qorsa humna namaa kennu dhossaan liqimsuu fi dhibaachuu isaanii qoratu,WADA(World Anti-Doping Agency) fi Waldaan Federeshiinii Atileetota Addunyaa(IAAF)atileetota biyya hedduu qorsa seera malee fudhatan jedhanii dorgommii addunyaa irraa dhaabuutti jiran.

Atileetota Raashiyaa akka dhaabii kun jedhutti mootummaa isaaniitti akka isaan qorsa liqimsanii fiigan tolcha.Tanaaf haga guddaan dorgommii addunyaa irraa dhaaban.

Durii waan akkanaa kana haga guddaan Keenyaa, Morookoo fi Yukireeyin faan himatanii qorachaa bahanillee.Keenyaatti atileetota hedduu dorgommii addunyaa irraa dhaaban.Amma ammoo Itoophiyaallee itti dabalanii biyyoota gama kanaan qorachuutit jiran keessaa tokko.

Dhaabii ispoortii gugurdaa akka IAAF fi WADA faatii akka Itoophiyaan atileetota isii qorachiisan tahuu baannaan dorgogmmii addunyaa keessaa baasuuf xalyaan itti erganii doorsisan.

Obboo Taammiraat Baqqalaa, daarektera koree Olompikii atileetiksii biyyoolessaati.“Xalayaadhaan nu gaheeraa. Federeshiinii atileetiksii Itoophiyaa gaheeraa. Hanga Sadaasaa dhufuu atileetotii amma 200 tahan qoratamu qabu jedhan.Akka atileetotii 200 qorataman ammoo Waldaa Federeshiinii Atileetotaa (IAAF) hajaje.Jarii kun ka shakkamellee mit."

Atileeotii tun dorgommii gaggabaaduu haga maratooniitti dorgoman.Atileetotii Itoophiyaa qorsa humna namaa kennuu fudhachuu fi dhibaachuu isaanii qorataman kun eennu faa jechuu baatanillee akka jecha obboo Taammiraatitti seeruma IAAF guutuuf qorataman.

Atileetota tana dhiigaa fi fincaan isaanii qoratan.Laabraatooriin hujii akkanaatiin qoratan ammoo Afrikaa Kibbaatii fi Qataar jirtii,atileetota tana qorachuuf ammoo doolara kuma lama caaltutti itti baha jedhan.

RIO 2016
RIO 2016

Olompikii Biraazil bara 2016

Dorgommii Olompikii Biraazli ta baranaa atileetota 10,500 biyya 206 keessaa walti dhufanitti gosa ispoortii 350tiin wal dorgoma.USA dorgommii gosa ispoortii 28tiin atileetoa 306 ergatti.

Itoophiyaan ammoo gosa ispoortii sadiitiif atileetota 40 dorgomsiifatti.

Dorgommii tana Hagayya 5-21,2016 Rio,De Jeneeroo Biraazilitti guyyaa 17 dorgoman.

XS
SM
MD
LG