Xurree ittiin seenan

Breaking News

Senaataroonii Ameerikaa 12 Tarkaanfi Mootummaan Itoophiyaa Lammiiwwan Irratti Fudhatu Balaaleffatan


Kaapitol Hiil, Waajjira Paarlaamaa Ameerikaa
Kaapitol Hiil, Waajjira Paarlaamaa Ameerikaa

Senaataroonii Yunaaytiid Isteets 12 mootummaan Itoophiyaa mirga lammi akka kabajuu fi biyyatti bulchuu keessatti qaamni hunda bakka bu’u qooda akka fudhatu gaafachuudhan kaleessa Ebla 21, 2016 wixinee basan.

Wixinee murtiidha dhihaatu kanarratti senaataroonni tarkaanfii humnoonni mootummaa Itoophiyaa namoota hiriira mormii karaa nagahaa geggeessan, gaazexeesotaa, fi lammiiwwaan biyyichaa irratti fudhachaa jiru balaaleffatan. Lamiiwaan kun mirga heerrii biyyatti eeyyamuuf fayyadamuu dhowwamuu isaanis akkasuma.

Senaatarii godina Meerilaandii fi, Seneetii Yunaaytiid Isteetsitti miseensa ol-aanaa koree dhimma biyya alaa han ta'an Been Kaardiin, " tarkaanfiin hammaatan humnoonni mootummaa Itoophiyaa lammii biyyichaa irratti fudhatan na rifachiisera, maatii namoota gocha kanaan du'aniif gadda kiyya ibsuun barbaada" jedhanii, mootumman Itoophiyaa seeraa shororkeesummaa falmuudhaa jedhe baase; gaazexesootaa fi lammii biyyati irratti fayyadamaa jira, akkasumas mirga yaada ofi ifaan ibsachuu fi ilaalcha siyaasa fe'an qabachuu ittin ukkaamsa jedhan.

Senaatarriin biraan han fillannoo pireesdaantummaa Ameerikaan bara 2016 gootuf dorgomuudha duula nafiladhaa godhaa ture, senaatar Ruubiyoon gama isaantin " Itoophiyaa keessatti namoonnii karaa nagahaa mormi godhan yakka malee hidhamaniir, ajjefamaniiruu, " jedhan. Senaatar Ruubiyoon, dhiittaa mirga dhalli nama ummamaan qabuurratti Itoophiyaan gochaa jirtu jabeessanii balaaleeffatanii, Pireesdaant Obaamaan walitti dhufeenya Yunaaytid Isteets Itoophiyaa wajjin qabdu keessatti dhimmi mirga dhala namaa fi akkaataa siyaasaa xiyyeeffannaa duraa akka ta'u daddafanni akka hojjatan gaafataniiru.

Senaatar Been Kaardin fi senaator Ruubiyoo wajjin wixinee bahe kana warri deeggaran : senaatar Maariy Kaantwee (godina Waashingitan), Senaatar Kiristoofar Kuunsi (godina Deelweer), Senaatar Diik Derbiin (godina Iilinoos), Senaatar Al-Fraamkiin ( Miniisootaa), Senaatar Eemii Kloobuchar (minisootaa), Senaatar Paatriik Leehii (vermaant), senaatar Edwaard Maarkey (Maasaachuuseet), senaatar Boob Meendees ( Neew Jersii), senaatar Paatii Muuree (Waashingitan), fi Senaatar Sheerrod Braawon ( Ohaayoo) dha.

Wixxinee bahe kana laalchisee ibsa senaateroonni baasan "Yunaaytid Isteets Afrikaa keessatti nagaha eegsiisuu dabalatee dhimmootaa gara garaa irratti Itoophiyaa wajjiin dheenyan hojjatti" jedhanii, kana malees Gamtaan Afrikaa Somalee keessatti waan hojjatuuf qooda Itoophiyaan qabdu han maallaqaa baasuu Ameerikaa ta'uu yaadachisan.

Haala Ongeen fi rakkini daangaadhan walqabatee biyyittin keessaa jirtu hoo laallamme, Itoophiyaan hoomuu caalaa ummata biyyattii nagaan wajjin akka jiraatan hojjachuu malee addaaan fageessun ishirra hin jiru, han jedhu wixinichi, rakkoowwaan kana keessa bahuudhaaf, motummaan biyyichaa mirga dhala namaa kabajuutu isarra eggamas jedha.

Wixineen senaataroota 12 mallatteeffame kun, Ministerri haajaa alaa Yunaaytid Isteets Joon Keerriiin, gargaarsa Ameerikaan dhimmoota nagahaa-eegumsa wajjin walqabatanirratti Itoophiyaa dha kennituu irra deebitee akka laaltu gaafata. Kanaamoo sababni lammiiwwaan biyyitti humnoota mootummatin seerran ala ajjefama jirachudha.. Mootummaan Itoophiyaa gochaa kana attattamaan dhaabee qorannoo amanamaa gochuu qaba; humnoota ajjechaa kana rawatanis seeratti dhiheessuu qaba jedha.

Akka wixineen bahe kun tarreessutti kaayyoon Karoorra Yunaaytid Isteets biyyoota Afrikaa Sahaaraa gadii laalchise bara 2012 baaste keessa ijjoon dhaaboota dimookiraasii baballisuu irratti hojjatan jajjabeesuu fi mirgi dhala nama akka kabaja argatuu akkkasumas bulchiinsa gaarii fi itti gaafatamumma qabu akka dagaaggu gochuu dha. Kunis bu'aan isaa jireenyaa lammiiwaanii foyyeesuudha.

Haa ta'uu malee jedha wixineen kun,"haalii dimokraasii Itoophiyaa keessaa hamaata dha, migii dhala namaa dhiittama jira. Ilaalchaa siyaasaa addaa nama qabu, hoggantoonni partii siyaasaa, hirirtootaa fi gazeexesoota sodaachisuu, badii fi himata malee hidhuufi ajjesuun itti fufeera"

Senaataroonii Yunaaytiid Isteets 12 Tarkaanfii Humnoonni Mootummaa Itoophiyaa Lammiiwwan IrrattiFudhatan Balaaleffatan
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:26 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG