Roobii Fuulbana 14 bara 2016 magaalaa Naqamtee ganda 02 keessa kan jiru waaltaa ajaja waraanaa ykn Komaand post irratti bombiin darbatamu jiraattonni magaalatti ibsanii jiru.
Akka jiraattonni jedhantti miseensi humna waraanaa tokko ajjefamee kanneen 15 ta’an mada’aniiru. Sababaa Kanaan kan ka’e namni hedduun hidhamaa kan jiran ta’uu ibsan.
Gama biraan abbootii qabeenyaa torban darbe daldalaa fi geejiiba cufan hedduminaan hidhamuu isaanii dubbatu. Uummanni boquu ol qabatee deemuu hin dandeenye hidhaa fi reebichatu hammaate jedhu.
Waajirri eegumsa nageenyaa kan godina wallaggaa bahaa gama isaan waaltaan ajajaa Bombiin rukutamuu mirkaneesssee garuu kan mada’an miseensonni waraanaa 3 ta’uu fi kan du’e akka hin jirre ibsan.
Namoonni sababaa cufamuu daldalaan hidhamanis waan seeraan irratti maxxanfame kaasanii banuu isaaniif hidhaman jedhu. Ta’us garuu wabiin gadhiifamuu isaani dubbata. Gabaasa guutuu dhaggeeffadhaa.