Xurree ittiin seenan

Breaking News

Maqaa Isaa Har’a Ifatti Beeksisufiin Jira:Doonaald Traamp


Prezidaantii yunaaytid Isteetes, Donaald Traamp
Prezidaantii yunaaytid Isteetes, Donaald Traamp

Prezidaantiin yunaaytid Isteetes Donaald Traamp Kamiisa har’a Amajjii 31 bara 2017 waaree booda nama aangoo abbaa alangaa mummichaaf qopheessan maqaa dhahuuf akka jiran ibsanii jiran.

Manni murtii mummichi miseensoota 9 kan qabu yoo ta’u waggaa darbe jechuun bara 2016 keessa miseensii tokko du’an waan boqoteef jecha iddoo banaa tokkotu jira.

Baaraak Obaamaan nama aangoo kanaaf ta’aa jedhan maqaa dhahanii turan. Garu seeneetni warri Ripaablikaanonni itti heddumaatan fudhatama dhabsiise. Sababaan yeroo sana kennanis prezidaantii haaraa muudamuutu aangoo kanaaf nama dhiyeessuu qaba kan jedhu ture.

XS
SM
MD
LG