Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mannii Murtii Har’as Bellama Biraa Kenne


Mannii Murtii Har’as Bellama Biraa Kenne
Mannii Murtii Har’as Bellama Biraa Kenne

Barresitoota marsaa inteerneti ykn bloogaroonni 5 kanneen waggaa lama dura himannaan shoroorkeessummaa irratti dhiyaatee ture keessaa 4 manni murtii walaba baasu iyyu abbaan alangaa ol-iyyannaa irratti dhiyeesseen har’as mana murtiitti dhiyaatanii jiran. Jalqaba himannaan kan irratti dhiyaatee Soliyaanaa shimallis, Befeeqaaduu Haayiluu, Naatnaa’eel Fallaqa, Axnaafuu Birhaane fi Abeel waaballaa turan.

Ol-iyyannoo dhiyaate booda abbaan alangaa kan Federaalaa fi himatamtoota giddutti falmiin eega jalqabamee as bellamnii inni har’a 50ffaa ta’u isaati.Murtii kennamuu dhaggeefachuuf bellamnii yeroo jijjiramu immoo kun 6ffaa dha.

Yeroo darbee sababaan kenname galmeen hunduu wal qixxaatee hin dhiyaanne kan jedhu yoo ta’u har’a garu ragaa wal qixxaatee kan galee ta’uus ilaaluuf yeroo barbaanna jechuun bellama ka biraa kenne.

Gabaasa guutuu Caqasaa

Mannii Murtii Har’as Bellama Biraa Kenne
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:31 0:00

XS
SM
MD
LG