Xurree ittiin seenan

KFO: Marii Araaraa Nageenya Fidu Mormitoota Waliin Jalqabuuf Mootummaan Dursee Gaffiilee Nuuf Deebisuu Qabu tu Jira

  • Namoo Daandii

Faayilii - Sagatanaa paartiin KFO ummata itti dammaqfatte keessaa tokko

Paartiin Mootummaa Itiyoophiyaa, dhiheenya kana, paartiilee mormituu 21 ta’an Galmaa Paarlaamaa biyyattiitti waamuudhaan, karaa nagaa rakkoo biyyattii keessaa furuuf qopohaa’uu isaa dubbatee jira. Haala kana miijessuuf akka hoogganoota mormitootaa akka walitti-waaman ka dubbatan – hoogganoonni paartii mootummaa, haaala mariin itti fufinsa qabu mormitoota waliin geggeessamu miijessuuf, moodaaliitii yokaan sirna mariin sun itti geggeessamu, eenyu akka marii sana hoogganuu fi taajjabdoota irratti argaman waliin murteessuun barbaachisaa ta’uu isaa hubachiise. Kana murteessuufis, paartiileen mormitootaa akka lakkoobsa Itiyoophiyaatti haga Amajjii 25tti yaada isaanii akka barreeffamaan dhiheessan beellama kenneefii jira.

Gamtaan Paartiilee mormitootaa, yaada kana dhiheessuuf jecha, hoogganoota paartiilee miseensota waliin gidduu-kana mari’ataa jira. Kanneen marii kanatti hirmaatan keessaa tokko ka ta’an – itti-aanaa dura-taa’aan Koongiresa Federaalawa Oromoo – Obbo Mulaatuu Gammachuu, paartii mootummaa waliin marii araaraa gara nagaa waarinsa qabuutti geggeessu jalqabuuf dursee dhimmoota paartichi mooutmmaa mijeessuu qabu tu jira, jedhu.

Kana cuqaasuun guutummaa gaaffii fi deebii kanaa dhaggeeffadhaa

Yaada kenni

Yaada mul'isi

XS
SM
MD
LG