Xurree ittiin seenan

Breaking News

Adaama Baarrow Gaambiyaatti Deebi'an, Jiraattonni Banjuul Sirna O'aadhaan Isaan Simatan


Prezidaantiin Gaambiyaa haaraan Adaama Baarrow yeroo biyya galan, Amajjii 26, 2017
Prezidaantiin Gaambiyaa haaraan Adaama Baarrow yeroo biyya galan, Amajjii 26, 2017

Prezidaantiin Gaambiyaa haaraan Adaama Baarrow biyya isaanii keessatti sababaa filannoon jeeqamsi eega hammaatee booda biyya ollaa itti baqatanii turan irraa kamisa har’aa gara biyya ofitti deebi’an.

prezidaantii biyyattii kan turan yaahyaa Jamee ba’ii filannoo ittiin injifataman hin fudhadhu eega jedhanii booda Jeeqamii kun uumame.

Garuu Jameen Dilbata darbe aangoo gadhisanii biyya ofii ba’an.

Prezidaantii haaraa simachuuf qophiin akka ture, sana boodas sirni guddaan gaggeeffamuuf ka jiru ta’uu dubbi himaa wal taatotaa kan ta’an Haliifa Saallah ibsanii jiru.

Humnootiin Tokkummaa mootummotaa baatilee 6f biyyatti keessa akka turaniif Baarrow gaafachuu isaa aangawaan Tokkummaa mootummotaa tokko har’a ibsan.

Humnootiin kun nageenya Mr Baarrow fi bulchiinsa isaanii akkasumas kan uummata biyyattii eegsisuuf bobbaafaman jedhu waajira barreessaa duree Tokkummaa mootummotaatti bakka bu’aan addaa kan biyyoota Afriikaa dhiyaa Mohaammed Chambaas.

XS
SM
MD
LG