Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sagaleen Filannoo Prezidaantummaaf Kenname Dogoggorsamee Jira, Jedhu Prezidaant Traamp


Prezidaanti Yunaaytid Isteets, Donaald Traamp
Prezidaanti Yunaaytid Isteets, Donaald Traamp

Filannoo biyyoolessaa Sadaasa dabre geggeessame irratti, Donaald Traamp sagalee bakka-bu’oota kutaalee biyyaa “electoral vote” jedhamu 306 argatan. Paartii Dimookiraatii irraa kan isaan dorgoman – mormituun isaanii, Hilarii Kilinten sagalee 232 argatan. Sagaleen kun, akkaataa falmsiisaa hin taaneen injifachuu isaanii mirkaneesse. Garuu, ba’iin lakkoobsa sagalee gara boodaatti ifa bahe akka agarsiisettti, Hilarii Kilinten, sagalee uummataa gara miliyoona sadi’iin ka Donaald Traamp caalanii argaman. Eega Jimaata dabre kakuu fudhatanii, Prezidaantummaatti muudamanii booda, Doonaald Traamp --- “ba’iin sagalee sun dogoggora yokaan gochaa seeraa alaa calaqqisa” jechuun dubbatan.

Kana malees, bulchiinsi Traamp, sirna aangoo walitti-dabarsuu yokaan muuda prezidaantummaa bara kanaa irratti baay’inni uummata argamee kan ammaan dura takkaa huu argamee hin beekne, jechuutti cichee jira. Gabaasaaleen sabaa-himaa fi suuraaleen kaasaman garuu, wanni isaan ibsan faallaa kanaa ti. Hedduun akka tilmaamanitti, lakkoobsi uummata mormii dubaratootaa, guyyaa muuda prezidaantummaa Traamp tii booda geggeessame baay’ee guddaa ta’uu, lakkooba uummata muuda prezidaantummaaf ba’e gad-xiqqeessee mul’ise. Paartii Ripublikaanii irraa – dura-taa’aan Mana-maree – Pool Raayaan dhimma kana dubbachuu dhiisuu yaalanii jiran.

Battaluma immoo dubbii isaa wanna biraatti geddaran. Garuu, dimookiraatonni ergaa cimaa prezidaantichatti dababarsan. “Wanna dubbataniif itti gaafatama fudhachuu qabu” – jedhu – mana-maree murtii-seeraa Yunaayitid Isteets keessatti, hoogganaan gurmuu sagalee-xiqqaa Dimookitaatotaa – Chak Shuumer.

Dhimma sagalee filannoo dabree irratti, wanna prezidaant Traamp dubbatanii fi deebii gama Dimookitaatotaa kennamaa jiruu kana ilaalchisee --- ogeessa seeraa fi xiinxalaa siyaasaa, Dr. Bayaan Asoobaa, Koomishina Mirga Namoomaa kutaa Ohaahiyoo irraa dubbisnee jira.

Kana cuqaasuun qophii guutuu dhaggeeffadhaa

Sagaleen Filannoo Prezidaantummaaf Kenname Dogoggorsamee Jira, Jedhu Prezidaant Traamp
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:30 0:00

XS
SM
MD
LG