Xurree ittiin seenan

Breaking News

Koreen Manna-maree Yunaayitid Isteets Nama Traamp Ministarummaa Dhimma-alaati Dhiheeffate Raggaasisuuf Harra Sagalee Kenna


, kan prezidaant Donaald Traamp – ministarummaa Dhimma-alaa Yunaayitid Isteetsiif dhiheeffatan – abbaa-qabeenyaa daldala boba’aa – Reks Tilirten
, kan prezidaant Donaald Traamp – ministarummaa Dhimma-alaa Yunaayitid Isteetsiif dhiheeffatan – abbaa-qabeenyaa daldala boba’aa – Reks Tilirten

Koreen Hariiroo alaa, kan Mana-maree murtii seeraa Yunaayitid Isteets, kan prezidaant Donaald Traamp – ministarummaa Dhimma-alaa Yunaayitid Isteetsiif dhiheeffatan – abbaa-qabeenyaa daldala boba’aa – Reks Tilirten taayitaa sanaaf raggaasisuu fi dhiisuu irratti har’a sagalee kennuuf jira.

Rippuublikaantichi – Senaator Maarkoo Ruubiyoo akka deggeranii sagalee kennan waan mallattoo agarsiisaniif jecha, Tilirten ministarummaa dhimma alaaf raggaasisamuun isaa hin oolu – jedhama.

Tilirten Raashiyaa waliin hariiroo qabaachuu isaaniitti ka duraan yaaddoo isaanii ibsanii turan – Seneetar Joon Mikkeenii fi Seneetar Liinsii Grahaam, kaleessa ejjennoo isaanii murteeffachuun akka muudama Tilirten deggeran beeksisan.

XS
SM
MD
LG