Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dr Mararaa Guddinaa Kamiisa Borii Mana Murtii Duratti Dhiyaatu. Garu har’a Abukaatoo Waliin Dubbachuu Hin Dandeenye


Dr. Mararaa Guddinaa
Dr. Mararaa Guddinaa

Abukaattoota Dr Mararaa keessaa tokko kan ta’an Obbo Wandimmuu Ibsaa har’a mana hidhaa maakelaawwii dhaqanii Dr Mararaa Waliin gamaa gamatti wala arganii nagaa eega wal gaafatanii booda qorannaaf barbaadama jedhamee wal bira ga’anii dubbachuun akka hin danda’amiin ibsan.Dr. Mararaan bor waaree booda mana murtii duratti ituu hin dhiyaatiin dura waan ta’u qabu irratti mari’achuuf har’a akk deemanii turan dubbatu Obbo Wandimmuun.Maraafuu carraan biraa hin jiru boruuma dhaddachatti argina jedhan.

Gama kaaniin Wiixata darbe galmee obbo Baqqalaa Garbaa fi Obbo Gurmeessaa Ayyaanoo irratti kanneen himataman irratti namoota ragaa ba’uuf dhiyaatu jedhaman 5 keessaa 3 qofaan dhiyaatanii kanneen hafan lamaan dhaggeffachuuf manni murtii bellama biraa kenne jira.Raga baatonni lama ituu hin dhiyaatin hafuu isaaniif sababaan kenname teessoo ammaan dura jiraataa turan irra iddoo biraatti deeman kan jedhu ture.

Obba Baqqalaa Garbaa mana murtiif akka iyyatanti akka dhunfaatti dhunfaatti ituu namnii tokko ragaa nu irratti hin ba’iin waggaa tokkof hidhamnee ammas lafa irra bubbutamuun sirri miti jechuun falman.

Namoonni gubachuu mana hidhaa Qaallittiin himataman deemsii yakka ilaalachaa irratti gaggeeffamu cufataan akka ta’uuf abbaan alangaa gaafachuun ni yaadatama.

Gabaasa guutuu kana cuqaasuun dhaggeeffadhaa

Dr Mararaa Guddinaa Kamiisa Borii Mana Murtii Duratti Dhiyaatu. Garu har’a Abukaatoo Waliin Dubbachuu Hin Dandeenye
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:11 0:00

XS
SM
MD
LG