Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lammiwwan Somaaliyaa Yunaaytid Isteets Irraa Gara Biyya Isaantti Deebifaman


Qandala, Somalia
Qandala, Somalia

Godaantoota somaaliyaa 90 kanneen seera Amerikaa cabsan ykn iyyats dahannaa siyaasaa dhiyeefftan kanneen fudhatama dhabe Amerikaa keessaa gara Moqaadishootti deebifamanii jiru.

Yunaaytid Isteetes-tti Ambaasaaddarri Somaaliyaa Ahmed Isse VOA..f akka ibsanti godaantoonni kun Embaasii Somaaliyaa isa waashington keessa jiruutti biyya keenyatti nu deebisaa jechuun iyyata galfatanii turan.

Bayyeen isaanii dahannaan siyaasaa dhiyeeeffatan kan fudhatama dhabee fi kanneen biroon immoo seera yunaaytidIsteetes cabsuu isaaniin Amerikaa keessaa akka ba’aniif manni murtii kan ajaje turan.

Rakkoo wal waraansaa waggootii dheeraaf somaaliyaa keessa tureen Amerikaa dabalatee biyyonni addunyaa hedduun lammiiwwan somaaliyaa simachaa turan.

Waggaa 4 dura yeroo jalqabaaf Amerikaan mootummaa somaaliyaaf bekkannoo kennuun ishee ni beekama.

XS
SM
MD
LG