Xurree ittiin seenan

Breaking News

Aanalee gammoojii Gujiitti bonii jabaatee horiin gaggabee lafa dhadhahaa,ji’a dhufu bokkaan bu'uu baannan ‘tissaan ulee qofaan alaa gala’


Oromiyaatti horiin bokkaa dhabee kuno akkana tahuutti jira Galchaa, Oromiyaa, Ebla 28, 2016
Oromiyaatti horiin bokkaa dhabee kuno akkana tahuutti jira Galchaa, Oromiyaa, Ebla 28, 2016
Godina Gujiitti bonii jabaatee horii hedduu laaffise
please wait

No media source currently available

0:00 0:11:23 0:00

Godinii Gujii Bahaa godina aanaalee horsiisee bulaan hedduun keessa qubatu keessaa tokko.Bonii hammaachaa dhufee horiin naannoo tanaa dhiyoo tana keessaa hin gagaggabaa adoo yaahuu lafa dhadhahaa jedha warrii hori ka achii dubbifne.

Aabbaa Duuba Waariyoo nama hujiif naannoo tana keesaa yo heddu dedeemu, "waan durii hin jirree horiin adoo huqqatee kahuullee hin dadhabin adoo yaahuu gaggabee baphi jedhee lafa dhadhahaa,”jedha.

Keessattuu akka jecha aabba Duubaatti “loon gabayaa aanaa Gooro Doolaa oolan hedduu gaggabani lafa dhahn argee..gaggabanii karaatti jijjigan.”

Rakkoon guddoon akka jecha aabba Duubaatti hiddii marraa lafa keessaa dhumatee horiin waan nyaatu dhabe.“Horiin olloota gara Sirbaa, Luqqoo, Balaambal fi Bokkoolaa rakkoon waluma fakkaati.”

Naannoo tanatti bokkaan gannaa diqqaatee bokkaan hagayyaa ammoo oole. Akka jecha aadda Duubaatti fulaan horiin humna dhabee itti gaggabu “Ardaa-Sooblee,Hoccuu ardaa Bulee Qalqalchaa, Funnaan Girii ,Diida Qallaa,Golba,Algeefi fulaa hedudu.”

Mootummaan ummata amarro qoodullee waan wal gahaatii miti jedha.Yoo bokkaan yoo bokkaan jia tokkotti hin roobin “tissaan ulee fudhatee gala.” Horiin alatti dhumatee tissaan waan galchu dhabee ufumaa ulee fudhatee galaa jedha.

Dhaabii mootummaan hin NGO ammoo akka warra horiin irraa huqqate irraa bituutti jiran jedhan. Horiin yoo nyaati nafa keessaa dhumate humn ahdabee gaggaba.

Aanaalee Gujii ka akka Dudda-Daawwaatii fi Galaana Abbayyaa faallee rakkoon wal irra goomtullee bonii jabaatee namaa fi horiilleen waliin miidhuutti jiraa jedha warrii achii dubbifne.

Mootummaan Federaalaa fi ka mootummaa naannoo Oromiyaa rakkoo bona biyyatti dhufee nama beellsitee irratti nama gargaaruutti jira jedha.

OCHA,dhaabii gargaarsa namaa Tokkummaa Mootummootaa Itoophiyaa keessaa nama miliyoona 5.6 gargaarsa barbaadaa jedhee torbaan dabre gabaasa baase.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG